Godina Shawaa Lixaa Fi Kibba Lixa Shawaatti Jiraattoonni Oromoo Waraana Mootummaan Qe’ee Irraa Buqqaa’an Rakkoo Akkaan Hammaataa Keessummeessaa Jiraachuun Himamatan.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Maddeen Oromiyaa11 bakkchaa jiran irraa odeessa nu dhaqqabbeen, wal waraansi humna mootummaaf fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti naannichaatti geggeefamaa tureen jiraattooni nagaan yakka tokko malee ajjeefamuu, hidhamuu fi qabeenyi isaanii saamamee qe’ee isaanii irraa godaansaaf dirqamanii jiru,

Keessumattuu yeroo dhiyoon asitti mootummaan duula Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuu jechuun, opireshinii waraanaa geggeessaa turetti milka’uu dhabuun ummatatti haloo bachaa jiraachuu jiraattoonni himataa turanii jiru.

Godinaalee lameen kanatti sababa Waraana Bilisummaa Oromoo tumsaa jirtu jedhuun, qabeenyi uummataa Saamamaa fi ibiddaan manca’aa kan ture yoo ta’uu, uummanni hedduun sodaa nageenyaaf jeccha qe’ee ofii irraa godaananii bosona keessatti rakkoo jabaaf saaxilamanii jiru.

jiraattonni Lixa Shawaa Aanaalee Ilfataa,Cobii fi Amboo gandoota baadiyyaa tokko tokkorraa buqqa’anii bosonatti dheessanii jiran, waan nyaatan dhabaan rakkoo ulfaataa keessa kan jiran ta’uuf, addatti ammoo daa’immanii fi haadholiin harma hoosisan akka malee rakkoo hamaa keessa jiraachuu maddi keenya nuuf eere jira.

Uummanni nageenya dhabaan lubbuu ofii oolfachuuf qe’ee ofii irraa dirqiin godaanan, Rakkoo waqtii rooba gannaatiin muka jalatti qorraaf roobaan dararamaa jiraachuu, nyataaf yaala argachuu dhabuun rakkinicha walxaxaa taasise jedhan,

Ummatni nagaan badii tokko malee lubbuu ofii baafachuuf dheessan kunneenis, ilaa hardha dhaabbattota miti mootummaa irraa gargarsa argachuun yaa hafu, rakkoo ulfaataa keessa jiran kanaaf  qaamni sagalee isaaniif dhageessisaa jiru dhabmuun gadda isaanii haalaan hammeessee jiraachuu himatu.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of Mohammed Genemo

Mohammed Genemo

Blogger and Journalis at Oromia11

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu