Godina Addaa Oromoo Wolloo Aanaa Baateetti Lola Humni Addaa Affaar Hawaasa Irratti Baneen Lubbuun Darbuufi Miidhaanis Qaqqabuun Gabaafame.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Lolli Kun Aanaa Baatee Ganda Daabatoo jedhamutti bananiin qee’edhuma isaatti lubbuu nama tokkoo rasaasan kan galaafate yemmuu ta’u daa’immaan lamaan ganna Afuriifi Shanii rasaasaan rukutamanii madoodha ta’uu maddeen Oromia11 addeessaniiru.

Lola Humnootni Addaa Naannoo Affaar ummmata nagaa irratti banan kana hawaasi akka ofirraa hin qolanneefis hooggantootni Aanaa Baatee dura dhaabbachuun nagaa buusna obboloota keessaniin hin lolinaa nuun jedhan jedha maddi odeessa nuuf qoode.

Kaayyoon Lola kanaa maali jennee Kan Gaafanne jiraataan Kun lolli Kallattii kanaan Oromoota Walloo irratti banamu waggaa saddeetiif kan itti fufe ta’uu kaasuudhaan babal’ifannaa daangaafi humna Naannoo Amaaraatiin harka walkeessa godhachuun dhiibbaa Oromoota irratti godhamaa jiru jechuun ibsa.

Kana Malees akka guutuu godinaattuu namoottan nagaa Shanee nyaachistu, Hidhata wajjiin qabdu jechuun caasaaleen mootummaa ajjeesaa hidhatti guuraa dararaa maallaqa irraa guuraa jiraachuus himata.

Akka jiraataan kun eerutti Oromoo taanaan sakatta’amtee baata sakatta’amtee galta kana qofa osoo hin ta’in gandoota tokko tokkotti hooggantootni namoota hidhatti guuranii maallaqqa gaafachuu isaani hima.

Haalli nageenya gandoota namni irraa ajjrrfamee fi madaa’an rakkoon ammas furmaata dahbuun hawaasni buqqa’ee gara gandoota ollaa dhiyooti godaanii jiran jedhame.

Naannoon sun daangaa irra waan ta’eef ummatni sababa kanaan buqqa’e kan waggaa tokkoof qonnaaf horsiisaa isaarraa hin jirre haala hammaataa keessa jira jedhe.

Komunikeeshiiniin Mootummaa Aanaa Baatee Karaa marsaa hawaasaa isaaniitiin Ummata Affaar aanaa Adda’ar, Talaalaak fi Cifraa gandoottan Aanaa Baatee wajjin ollaa tahan jidduutti nageenya amansiisaa fiduuf hoggantoonni godinaa gama lameenii marii barbaachisu gochaa jiru jechuun ibsaniiru.

Itti dabaluunis rakkoo kamiyyuu furuuf mariidhaan waliigalteerra gahuudhaan alatti filannoon biraa hin jiru. Nageenya ummataa fiduuf jecha marii yeroo yeroon adeemsisuun ammoo dhimma murteessaadha jedhaniiru.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of Mohammed Genemo

Mohammed Genemo

Blogger and Journalis at Oromia11

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu