Aanaa Waayyuu Tuqaa Ganda Qonnaan Bulaa Giddaatti kan dhalatee guddate Dargaggoo Hundaa-ol Beenyaa Magaalaa Naqamteetti barataa kutaa 12ffaa qormaata biyyoolessaf qophii irra kan ture tahuu jirattonni ollaa himu.
Dargagggon ol-adeemaan kun obboleessa quxisuu qonadaala ABO ol-aanaa Lammii Beenyaa yoo tahu, hidhamuu Lammi Beenyaan booda maatii guutuu irratti dhiibbaaf dararaan hamaan geessifamaa kan ture ta’uu jiraattoonni himu.
Jiraattota naannoo dubbisuun akka jedhanitti Hundaa’ol Beenyaa barataa qaroof hawaasa biratti Jaallatamaa ta’uu irra dabree, nama saba isaaf quuqama guddaa qabuuf egeree biyyaaf abdatamu ture jechuun himu.
Maatiin Hundaa’ol guutuun Sababa Sabboonummaa isaaniif hidhaatti hiraarfamaa kan jiran ta’uuf, qe’eef qabeenyi isanii utuu hin hafiin ibiddaan kan jalaa gubate ta’uu jiraattonni ollaa nuuf kaasan.
Barataan kun yeroo adda addaatti hidhamaa kan ture ta’uuf, dhiyeenya hidhaa irraa hiikamee barumsa ofiitti kan fuuleffaatee jiru ta’uu, akkasumas, obboleettiin isaa Saaraa Beenyaa jedhamtus himannaaf yakka tokko malee hanga hardhaa mana hidhaa keessatti gidirfamaa jiraachuu isiniif gabaasuun keenya ni yaadatama.
Hunda’ol Beenyaa jimaata galgala hidhattoota motummaan erga ajjeefamee hanga odeessa kana qindeessinutti Maanguddootaaf Abbootiin Gadaa kadhatamee reeffi isaa akka hin awwaalamne dhorkamee kan jiru ta’uu jiraattonni ibaniiru.
Gama biraatiin ajjechaa wal fakkaataan Godina wallagga lixaa Aanaa Qondaalaa keessatti loltoonni mootumma raawwtaniin lubbuun namoota lamaa darbuu jiraattota naannoo irraa odeeffannee jirra.
jiraataa Aanaa Qondaalaa Magaalaa Gabaa Dafinoo kan ta’an obbo Muusaa Walduu kan jedhaman WBO soorte jechuun yakka tokko malee haala suukanneessaan ajjeefamuu jiraattoonni himu.
Haaluma wal fakkaatuun jirataadhuma Magaalaa Gabaa Dafinoo kan ta’an she Nuuraddiin Dafaa kan jedhamanis hidhattoota mootummaan badii tokko malee mana jireenyaisaaniitii qabamanii kan ajjeefaman ta’uu himu.
Namoonni bilbilaan dubbiifne akka nuuf ibsanitti Jirattoonni ajjefaman kunneen abbootii maatii fi maanguddoota biyyaa akkaan hawaasa biratti jaallatamoo turan ta’uu nuuf kaasanii jiru.
Jiraattoonni Aanaa qondalaa sodaa nageenyaaf jecha qe’ee ofii irraa godaananii baqataa kan jiran ta’uu fi manneen jiraattotaa onaatti hafaa jiraachuu nuuf eeranii jiru.
Ajjechawwan wallaggatti uummata nagaa irratti geeffamaaa jiru ibsa gara mootummaa dabalachuuf yaaliin koomishinara poolisii oromiyaa Araarsaa Mardaassa fi Qondaaltota Godina argachuuf goonetti hin milkoofne