Imala Galatoomaatiin Ameerikaa Kaabaa Kan Jiran Qondaalonni KFO Obboo Jawaar Mahaammad fi Obboo Baqqalaa Garbaa Gaafii Hawwaasa Diyaaspooraa Irraa Dhihaateef Deebii laatan.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Ajjeechaa kutaalee Oromiyaa garaagaraatti raawwatamaa jiru, Dhimma Waraana Bilisummaa Oromoo, Adeemsa lola dhaabuun gara mariitti cehuu jedhuu fi dhimmoota biroo irratti gaaffilee hawaasa Diyaaspooraa irraa dhiyaataniif deebii kan kenne itti Aanaan Dura Taa’aa Paartii KFO Jawaar Mahaammad, rakkoo Oromiyaa keessatti deemaa jiru sirriitti hubachuu barbaachisa, gaaga’amni caalu akka hin dhufneef lolli dhaabbatee gara mariitti haa deemamu jechaa jirra jedhe.

Imala Galatoomaa Magaalaa Miniyaapoolis gafaa Waxabajjii 18/2022 godhaame irratti gafiin hedduun Hawaasa diyaaspooraa irraa kan dhihaateef yoo tahu Obboo Jawaar Mahaammad fi Obboo Baqqalaa Garbaa waliin ta’uun deebii deebiisaa turaniiru.

Lammiileen Oromoo eenyummaa isaaniitiin addaa baafamuun guutuu Oromiyaa keessatti guyyaa guyyaan ajjeefamaa akka jiran quba qabaachuu kan kaasan Obboo Jawaar kanneen ajjeefamaa jiran Abbootii qabeenyaa, hojjattoota mootummaa dabalatee namoota jajjaba boru ummata kana jijjiruu danda’an akka tahan dubbatan.

Qabsoo qeerroowwan Oromoo waggootaaf godhaa turaniin sirna TPLF biyyattii irraa buqqaasuu kan dubbatan qondaalli KFO Obbo Jawaar haa ta’uu malee sirni amma biyya bulchaa jiruus fadhii fi mirga ummataatiif iddoo kennuu hanqachuun biyyattiin raafama siyyaasa fi dinagdee hammataa keessa galche jedhe.

Itti Aanaa Dursaa KFO Obboo Baqqalaa Garbaa gama isaaniitiin haalli amma deemaa jiru kun akkanumatti itti fufa taanaan namni hundi osoo hin jaalatin qa’ee isaa ta’ee dhumuu irraa qamaa hidhaannoo qabutti dabaalamuuf garaa seenuu filata jedhan.

Garuu kun biyyattiif balaa guddaa ta’uu kaasuun sababa kanaaf jannee yeroo Adda addaatti waraanni dhabbatee mariin qaama hunda hirmaachise akka rawwatamu gaafachaa turrees gaafachaa jirras jedhan

Gamaa biraatin Hoggantoonni ABO ammas mana hidhaa jiraachuu kaasuun Yeroo manni murtii bilisaan isaan gad dhiisu poolisiin biraa ammoo fuudhee bakka biraatti geessee hidha jachuun rakkinaa hogaanttooni ABO keessa jiran ibsan.

Akkuma filannoo biyyaalessa keessatti akka hin hirmaanneef hoogganoota KFO hidhuun wajjiraalee KFO hunda cufuun cunqursaa turan sanitti. Ammas Mootummaan biyyattii marii biyyaalessaa irratti partiin KFO akka itti hin hirmaanne dhiibbamaa jiraachuu kan himan qondaalonni kunneen haa tahuu malee mariin kun hanga dhaabbilee siyaasaa fi qaamoolee hidhaannoo qaban hunda hin hirmaachisnnetti dhaabbanni isaanii KFO akka qoada irraa hin fudhanne ibsan.

ABO fi KFO’n tarsiimoo garaa garaa qabachuu eeruudhaan Waraanni Bilisummaa Oromoo qabsoo qawwee hordofa nuti ammoo qabsoo karaa nagayaa hordofna kan jedhan Obboo Jawaar garuu dhugaa ummata irratti yoomiyyu karaa tokko irraa akka jiran kaase. Itti dabaalunis kanaan dura gafaa wallaggaa fi Asoosaa deemnee waywaachaa turre sochiin kun Aanota muraasa keessa turuu fi amma garuu biyyaa guutuu keessa jiraachuus dubbatan.

Nuti Oromoon saalphina keessa jirra kan jedhu Obboo Jawaar dur alagaatu nu ajjeesa, alagaatu nu hidhaa jachaa turre, amma garuu keenyuumatu walitti garagaalee wal galaafachaa jira waan ta’eef kun nurraa dhaabachuu qaba ummanni keenya rakkate jechaa jirras jedhan.

Wa’ee nageenyaa isaani ilaalchisee sodaa qabachuu ummanni irra dadeebiin gafii dhiheesaafi tureef qondaalli KFO Obbo Baqqalaa Garbaa akkas jachuun deebii ummataf lataan

“Nuti qabsoo irra jirra, namni qabsaa’u du’uus danda’a jiraachuus danda’a, qabsoo ummata keeenyaaf goonu irratti du’as taatu waan nu qunnamu keessuummeessuuf qophii dha” jedhan.

Mariin hoggatoonni KFO Hawaasa Oromoo Ameerikaa Kaabaa jiraatu waliin taasisaa jiran kun Magaalota biroottis itti fufas jedhamee jira.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of Mohammed Genemo

Mohammed Genemo

Blogger and Journalis at Oromia11

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu