Wallaggaa Lixaa, Aanaa Gimbii Ganda Tolee Keessatti Haleella Sanbata Darbe Raawwatameen Namoonni 200 Ol Ajjeefamuu Asoosheetid Pirees Gabaase.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Mootummaan haleellaa kana kan raawwate Waraana Bilisummaa Oromooti kan jedhuu yoo ta’u dubbi himaan WBO ajjeechaan kun hidhattoota mootummaa ” Gaachanaa Sirnaa” jedhaamaniin kan raawwatame ta’uu ibsame.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa akka jedhetti ajjeechaa kun walitti bu’iinsa humnoota nageenyaa mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo jidduutti uumameen kan walqabatu ta’uu eere.

 Ajjeechaan Dilbata Waxabajji 19/022 Aanaa Gimbii Ganda Toleetti raawwatame haleellaawwan ji’oota darban keessa lubbuu namaa galaafate caalaa balaafamaa ta’uun ibsameera.

Abdul-Seid Taahir, jiraataan naannoo sanaa jeequmsa irraa miliqan, The Asoosheetid Pireesitti akka himanitti, “reeffa 230 lakkaa’eera. Haleellaan kun haleellaa lubbuu nama nagaa irratti bara jireenya keenya keessatti arginee hin beekneedha jedhe.

 ”Namoota du’an awwaala jumlaa keessatti awwaalachaa jirra, akkasumas hanga ammatti reeffa walitti qabaa jirra jechuun madda oduu Asoosheetid Pireesitti himeera.

 Nageenya isaaniif sodaa qabaniin maqaa jalqabaa qofaan kan moggaafaman Shambeel, kanneen irratti xiyyeeffatame hawaasa naannoo Amaaraa irraa  waggaa 30 dura naannoo sana qubatan ta’uu fi  akka handaaqootti  ajjeefamaa jiru jechuun AP himeera.

 KOMISHIN MIRGOOTA NAMOOMA ITOOPHIYAA Wiixata akka jedhetti ajjeechaan kun kan mudate “walitti bu’iinsa humnoota mootummaa fi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti uumame” hordofuun yoo ta’u, “haleellaan garee hidhateen rawwatame kun” kan namoota nagaa irratti raawwate, “miidhaa hamaa namoota nagaa irra ga’ee, fi kan miidhaa qabeenya irra ga’ee ta’u ibseera.

Ibsa Dilbata darbe baaseen mootummaan naannoo Oromiyaa finciltoota kana komachuun garee hidhate, Paarlamaa Itiyoophiyaan  shororkeessaa jedhamee moggaafame kana irratti “humnoonni nageenyaa federaalaa fi naannichaa tarkaanfii dhabamsiisuu itti fufa” jechuun dhaadateera.

 Haa ta’u malee, Dubbi himaan WBO idil addunya  Odaa Tarbii fuula Twitter isaanii  irratti “ajjeechaa fi manca’iinsi qabeenyaa aanaa Gimbii Toleetti mudate milishaa “Gaachana Sirna” mootummaan Oromiyaa akka haaraatti hundeesseen kan raawwatame ta’uu dubbate.

Miseensonni hawaasa Amaaraa  kutaalee adda addaa irraa godaanuun  baqatanii Finfinneetti kooluu galanii turan  naannoo Oromiyaa godina Arsii keessa qubsifamuu Addis standard gabaasee turuunsaa ni yaadatama.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of Mohammed Genemo

Mohammed Genemo

Blogger and Journalis at Oromia11

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu