Dhaabbileen gargaarsa namoomaa ibsa Dabliinitti kennaniin beela hamaa gaanfa Afrikaa keessatti mul’atu irratti tarkaanfiin siyaasaa guddaan akka fudhatamu gaafataniiru.
Roobni daran harkifachuuni fi rakkoowwan biroo dabalatee hoongeen waggoottan kurnan afur keessatti muudate hin beekne, bara kana Somaaliyaa, Itoophiyaa fi Keeniyaatti mudateen namoonni miliyoona 23 ykn ummata Ayerlaandi dachaa kan tahu beela hamaatu mudata jedhameera.
Naannichatti namni tokko sekondii 48tti beelaan du’uu hin oolu jedhame akka yaadamus ibsameera. Daa’imman tilmaamaan miiliyoona 5.7 ta’an hanqina nyaataa cimaa keessa jiru.
Somaaliyaa, bakka beelli itti dhufutti, dhuma wakti gannaa daa’imman 350,000 du’uu akka danda’an tilmaamni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhiheenya kana baase ni mul’isa.
Balaan beela jaarraa 21ffaa keessa jiru, hunda caalaa, kufaatii siyaasaati kan jedhan dhaabbaleen kunneen, amma bu’aa waggootaaf tarkaanfii fudhachuu dhabuun nu balaa kun akka mudatu taasise jiraachu himu.
Jijjiirama qilleensaa, waldhabdee fi bu’aa diinagdee weerara Covid-19 waliin wal-makanii lubbuu namaa galaafachu fi rakkoo hamaan akka uumamu taasisee jiras jedhan. Dabalataanis tarkaanfii akka fudhatamu waamicha dhiyeesseera.
Dhaabbileen gargaarsa namoomaa 5 Somaaliyaa, Itiyoophiyaa fi Keeniyaan keessatti balaa kana ittisuuf hoggansa cimaa akka qabaatan, mootummaan Aayilaandi sadarkaa idil-addunyaatti qopheessaa jira jedheera. Gargaarsi naannichatti battalumatti fi hundeedhaan akka socho’u gochuudhaafis akka kaayyeffatame ibsameera.
Naannichatti gargaarsa lubbuu baraaruu fi eegumsa kennuudhaaf mallaqa deeggarsa namoomaaf oluu doolaara Ameerikaa biiliyoona 4.4 akka barbaachisu dhaabbanni mootummoota gamtomani tilmaameera. Yeroo barreeffamni kun qophaa’utti dhaabbileen kun gargaarsa namoomaf maallaqa baay’ee xiqqaa qabna jedhaniiru.
Waggoota kudhan dura, dhaabbileen miti mootummaa Aayilaandi beela Gaanfa Afrikaa keessatti mudate ilaalchisee akeekkachiisa yoo dhageessisaniyyuu, deebii idil-addunyaa harkifachuun namootni 250,000 ol akka du’an taasiseera, kunis maallaqni sirrii ta’e yoo kennameef harki guddaan isaa ittifamuu danda’a ture jedhameera.
Yeroo kana mootummoonniifi hawaasni addunyaa ammas waamicha tarkaanfiif dhihaate dhaggeeffachuu dadhabaniiru. Akeekkachiisni dursaa ifa ta’e, irra deddeebi’amee kennamuu fi amanamaa ta’e waggoota lamaa oliif tuffatamee kan ture yoo ta’u, lakkoofsi namoota sadarkaa muddama beela mudatan naannichatti bara darbe irraa eegalee dachaa ol dabalee namoota miliyoona 23 gaheera.
“Tarkaanfii siyaasaa fi hoggansa nu barbaachisa,” jedhan Aadde Maakinaan, “Amma yoo sochoone, akkasumas yoo waloodhaan sochoone rakkoo beelaa kana xumuruu dandeenya. Ayerlaandi muuxannoo beela ittisuu irratti kan qabdu yoo tahu, fakkeenyaan geggeessuu fi hawaasa addunyaa saffisaa fi guddinaan deebii kennuuf sochoosuuf ejjennoo addaa qabdi.” Jedhaniiru.