Naannoo Beenishaangul Gumuuz Godina Matakkal Keessatti Hidhaafi Reebichi Oromoota Irratti Raawwatamu Hammaachuu Jiraattootni Oromia11tti Himan.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Jiraataan naannichaa kan Abbaa, obboleessaafi haati irraa hidhamaniifi Oromia11 dubbise akka jedhutti hidhaan sabummaa irratti xiyyeeffatette maqaa WBO deeggartan jedhuun hawaasa irratti gaggeeffamaa jira jedha.

Jiraataan kun akka himutti Aanaa Dibaaxii Ganda Qorqaatti hidhamanii kan turan Abbaan Isaanii Obboo Waaqtolaa Beyyanaa amma gara Magalaa Gaalessaatti geefamuun Waajjira Poolisaatti hedhamee guyyaa 49 laakkofsiisee jira.

Obboo Waqtolaan nama umrii waggaa 62 ta’uu kan eeru ilmi isaanii, obboleessi isaa kan ganna 14 abbaa wajjiin hidhamee jirachuus hima.

Kana qofa osoo hin ta’in haati warraa Obboo Waaqtolaa, Aaddee Birriituu Dojaa  hidhamanii turuufi dhiheenya kan gad-lakkifaman ta’uun baramee jira.

Sababiin Hidhamaniif WBO deeggartan maqaa jedhu itti moggaasuun ta’uu kan himu jiraataan kun namoottan hidhaman baay’ee ta’uufi kanneen akka Obboo Garramuu akka malee reebamanii kanneen qaamni isaanii hedduu miidhame ta’uu hima.

Magaalaa Gaalessaa keessatti Waajjirri Poolisaa hidhamtootaan guutee manneen barnootaa akka manneen hidhaatti itti dhimma bahamaa jiraachuu kan himu jiraataan kun Oromoo ta’uudha malee badii biraa dalaganii miti jedha.

Akka maddeen naannichaatti Ummata Oromoo kophaattii adda baafamanii yoo xiqqaatte Gandeen 7 olirraa WBO’tiif nyaata laattu jechuun qe’ee isaanii irraa buqqisanii Magaalaa Qorqaafi Gaalessaa keessa qubsiifamanii jiru.

Uummata Qe’eefii qabeenya isaanii irraa buqqa’an kana gargaassi godhameefi akka hin jirre himuun Qabeenya isan irraa buqqifaman kaan gubuu, kan hafe qaamoota adda addaatiin  saamamee hawaasni rakkoo ulfaataa keessa jiraachu eera.

Manneen Barnootaa naannawa ganda Qorqaadha Hanga cufamanii hojii idilee isaanii dhaaban waggaa lama ta’uus kan kaasu jiraatan kun manneen barnoota akka mana hidhaatti itti fayyadamaa jirus jedha.

Namoota hidhaman reebicha irratti raawwatamaa turan keessaa, nama Obboo Garramuu jedhamu meeshaa dhomsitee qabda jechuun reebicha cimaa irratti yoo raawwatan, nama Obboo Bayyanaa Jedhamu reebichaan caccabsuun du’eera jedhanii eerga gatanii biraa deemanii booddee lubbuun hafee mana yaalaa jiraachuun barameera.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of Mohammed Genemo

Mohammed Genemo

Blogger and Journalis at Oromia11

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu