Godina Harargee Bahaa Aanaa Baabbileetti qotee bultoota mootummaan dirqamaan lafasaanii irraa fuudhamuun abbootii qabeenyaaf gurguraa akka jiru jirattonni ibsanii jiru.
Kafaltii fi beenyaa tokko malee saamichi lafaa Aanaa Baabbilee Araddaa Erer Ganda Dhagaataa keessatti raawwatamaa jiraachuu kan ibsan jiraataan achirraa odeefanne. Hanga ammatti gandaa tokko keessa lafti qonnaan bultootaa heektarri 324 ol kafaltii fi beenyaa tokko malee ummata sodaachisuun dirqamaan akka irraa fuudhan hima.
Lafti saamame kun lafa qonnaan bultootaa ta’uu eeruudhaan maatii lafti kun irraa fuudhame jireenyii isaanii guutuun lafa qonnaa kana wajjiin waan walitti hidhamuuf amma lafaa omisha irraa galfaatan dhabuun rakkina nyaataa fi dinagdee keessatti kufuun halaa hammaataa keessa jiraachuu dubbatan.
Ganda saamichi lafaa irratti gaggeefamaa jiru kana keessatti maatiin hedduun rakkina hamaaf saaxilamaa kan jiran yoo tahu, rakkoo isaanii tanaaf furmaata barbaacha waajjira Aaniichaa deemuun lafti isaanii akka deebi’uuf yookiin kafaltiin beenyaa akka kafalamuuf iyyatanis deebii tokko dhabuun dararamaa akka jiran himu. Darbees furmaata argannu malee bakka itti gallu hin qabnu jedhanii warra waajjiricha fuulfuratti hafan jumlaan hidhaatti guuraa jiraachuu maddi Oromia11 kun addeesse jira.
Kana-malees lafa ummataa kan abbootii qabeenyaaf kanname keessatti konkolaataa abbootii qabeenyaa achi qubsiifaman ibiiddaan gubdaan jachuun hidhaattooni mootummaa abbootii maatii fi dargaggootas jumlaan mana hidhaa keessatti guuranii dararaa jiraachuun baramee jira.