Godina Gujii Bahaa Aanaa Gooroo Doolaatti Waraanni Mootummaa Dargaggoota Lama Hidhamanii Turan, Ajjeesee Awwaala Dhoksee Ture Reeffi Argamuun Gabaafame.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Madda Godina Gujii Bahaa Aanaa Gooroo Doolaa Irraa akka qulqulleeffannetti baatii tokko dura waraanaan butamanii achi-buuteen isaanii wallaalamee kan turan dargaggoonni lama guyyaa kaleessa reeffi Isaanii Kaampii Waraanaa  Magaalaa Saraansar keessatti argame.

Dargaggoonni maqaan isaanii 1. Soraa Daadhii Sayisaafi 2. Osaamaa Abdullaah Abarraa Jedhaman Ji’a tokkoon dura Aanaa Gooroo Doolaa Ganda Balaambal Magalaa Jiddoolaa keessaa waraana Mootummaatiin akka butam maddeen Oromia11 addeessanii jiru.

Maatiin Dargaggoota kanneenii dargaggoonni kunniin butamuun gara Mooraa Woraana Ganda Dhuqqoo Magaalaa Saraansari geessuu malee lubbuun jiraachuufi dhiisuu isaanii hanga guyyaa kaleessaatti osoo hin qulqulleeffatin turuu namni maqaafii sagaleen isaa akka ifa hin baane soda nageenyaaf gaafate Oromia11’tti himeera.

Ijoolleen kun jiraachuufii dhiisuu akkasumas Mooraa Waraana Saraansar jiru moo iddoo biraatti geessaniiruu shakkii jedhu keessa kan turan maatiin dargaggoota kanneenii, guyyaa kaleessa yeroo Waraanni Kaampii Magaalaa Saraansar gadi dhiisuun gara iddoo Addaa Dhaddachaa Goolaa jedhamtutti bobba’e hawaasa dabalachuun Kaampii keessaa reeffa nama ajjeefamee awwaalamee ture qotanii yeroo baasan reeffa dargaggoo Osaamaa Abdullaah Abarraa adda baafachuu maddi keenya addeessee jira.

Sababa maaliitiif guuranii hidhanii akka ajjeesan maatiin akka hin barameera, dargaggoonni kun lamaan isaaniituu umrii waggaa 18tii gadi ta’uufi Osaaman immoo Waggaa 13 ta’uu maddi nuuti irraa oddeeffanne kun mirkaneesseera.

Maatiin dargaggoo Soraa Daadhii Sayisaa yeroodhaaf iddotti kan hin argamin yemmuu ta’u odeeffannoo maatii Osmaan irraa argataniin yeroo isaan iddoo sana dhaqqabanii reeffa ilma isaanii qotanii baafachuuf jedhan waraanni deebi’ee dhufnaan biraa baqatan jedha maddi kun.

Reeffi Dargaggoo Osaamaa Abdullah Abarraa bakka dhoksaan awwaalamee baasuudhaan maatiin guyyaa kaleessaa bakka filannoo isaaniitti kan awwaallatan yemmuuta’u kan dargaggoo Soraa Daadhii Sayisaa hanga yeroo gabaafni kun qindaawuutti waraanni deebi’ee Kaampichatti qubateef maatiin sodaatanii irraa baqachuun bakka filannoo isaaniitti osoo hin awwaallatin jiraachuun himamee jira.

Ijjoolleen kunniin hanga Ajjeefamanii turanii kan jiran yemmuu ta’u iddoon kun Mana barumsa Ganda Dhuqqoo Magaalaa Saraansar Kan waraanni Mootummaa yeroo Ammaa akka Kaampii Woraanaatti itti fayyadamaa jiru keessa akka ta’e maddi kun ifoomsee jira.

Waraanni Mootummaa Magaalaa Saraansar Mooraa Mana Barumsaa keessa akka kaampii waraanaatti buufate kun torbee tokko duras nama maqaaan isaa Jaarsoo Caaccuu Notee Jedhamu abbaa ijoollee afurii Ganda Raaroo keessatti mana isaatti ajjeessee bira darbuu isinii gabaasuun keenya ni yaadatama.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of Mohammed Genemo

Mohammed Genemo

Blogger and Journalis at Oromia11

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu