Jiraattota naannawa sanaa odeeffanne akka jedhanitti Waxabajjii 4,2022tti Uummata Oromoo Gujii Magaala bitatee gurgurachuuf baye irratti haleellaa raawwatameen namootni 16 du’uufii 30 oli immoo miidhaa cimaa keessa jiru. Haleellaa kun Uummata Oromoo Gujii Aanaa Surroo Bargudaa Magaala Bayan irratti raawwatame.
Haleellaan kun hanga Ammaatti Sababa maaliitiif uummata nagaa kana irratti akka raawwatame beekkamuu baatus barattootni Yunivarsitii Bulee Horaa ajjaeechaa walii galaa kanaafi guutuu Oromiyaa hunda keessatti raawwatamaa jiru mormuun Sagalee dhageessisanii jiru.
Barattootaa Yunivarsitii Bulee Horaa keessaa Namni Oromia11 dubbise akka jedhetti ajjeechaa jumlaa kana akka dhabbatuufii Sababa maaliitiif akka raawatame qaama dhimmi ilaallatu karaa seera qabeessaan gaafachuuf sochoonus iddoo barbaadan akka hin gahiniifi deebii barbaadan akka hin arganne waraanaan ittifamuu hima.
Kana malees namoonni haleellaa kanaan ajjeefaman 16 qabatamaan qulqullaa’uu kan himu barataan Kun Kanneen miidhamanii Hospital Bulee Horaa jiraniifi Referal Gara Hospitaala Haawaasatti ergaman dabalatee namni 30 miidhaa cimaa keessa jiraachuu hima.
Namni biraa Oromia11 odeeffate immoo Jalqaba kan du’uun isaanii qulqullaa’e 9 ta’uu kaasuun kaleessa reeffi namoota 6 dabalataan argamuufi namootni madaa’anii dhaabblee fayyaa garaa garaatti yaalamaa jiran Hedduuminni isaanii 30 caaluu mala jedhe.
Jiraataan kun Isa barataan himerraa garaagarumama hedduu kan hin himin yemmuu ta’u hawaasa Magalaa baye Kan ofi quba hin qabne irratti raawwatame waan ta’ee duutiifi miidhaan qaqqabe kun hamma yoonaa guutuutti hin qulquloofne kanaa ol ta’uu mala jedha.
Namni kunis Akkuma barataa University keessa namni nuuti dubbisne jedhetti Tarkaanfiin garaa mootummaatiin fudhatame akka hin jirre hime
Yunivarsitii Bulee Horaatti barataan muummee Fayyaa tokko akka jedhetti Hospital Bulee Horaa keessa kanneen harka citan kanneen miila citan kan falaxaman hedduun hospital keessa jiraachuu kaasuun namni kun waltaanee waa walitti qabuun miidhamtoota kana Waan dandeenyu akka hin gargaarreefis dhoowwamnee jirraa jedhu.
Haa ta’uu malee barattootni mooraa Yunivarsitii Bulee Horaa kan kutaalee Oromiyaa gara garaa irratti walitti qindaahan gochaa hammeenya kana balaalefachuun hiriira mormii gaggeessaniiru.
Gama Mootummaatti Naannoo Oromiyaatiinis ta’ee Bulchitoota Godina Gujii Lixaatiin hanga ammaatti dhimmi dhumaatii uummata qulqulluu kun wanti jedhame hin jiru.
Aanaan Addaa Burjii Gama isaatiin ibsa baaseen Gareen Nagaa hin jaalanne Uummata Magaala Gara Aanaa Keenya dhufe irratti gocha suukabeessa raawwate jechuun taatichatti gadduu ibsee Jira.
Akkasumas namoota gocha kana keessaa harka qaban barbaaduun seeratti dhiyeessufi akka hojjatu ibse.