Ameerikaan Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Haaraa Muuduu Beeksifte.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkon Ambaasaaddar Maayik Haamer bakka Saaterfiild bu’uun ergamaa addaa Gaanfa Afrikaa ta’uun kan muudaman ta’uu addeessaniiru.

Ibsa isaanii keessatti Antoonii Biliinkan Ambaasaaddar Saatarfiild bara aangoo isaaniitti gumaacha taasisaniif galateeffachuun, ergamaan addaa Ameerikaa haaraan kun tattaaffii dippilomaasii Ameerikaan naannichatti akka itti fufu abdii kan qaban ta’uu ibsaniiru.

Muudamni Ambaasaaddar Haamar tattaaffii dippilomaasii naannichatti  cimsuuf waadaa Ameerikaan qabdu kan cimsu ta’uus hubachiisaniiru.

“Hunda olitti adeemsa siyaasaa hunda hammate, nageenya waloo fi badhaadhina lammiilee Itoophiyaa hundaaf ni deeggarra,” jedhan Bleeyin.

“Bulchiinsi kun waldhabdee kana xumuruu, gargaarsa namoomaa daangaa malee dhaqqabsiisuu, dhiittaa mirga namoomaa fi haleellaa gama hundaan gaggeeffamaa jiru irratti qorannoo gadi fageenyaa gaggeessuu, waldhabdee kanaaf furmaata irratti mari’achuu irratti xiyyeeffata,” jedhan.

Kanaan dura gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Ameerikaa Deeviid Saatarfiild baatii caamsa keessa aangoo gadhiisuu isaanii beeksisuun isaanii ni yaadatama.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of Mohammed Genemo

Mohammed Genemo

Blogger and Journalis at Oromia11

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu