Hoongee Itoophiyaa Keessatti Irra Deddeebiin Mudateef Sababni caama Qofaa Akka Hin Tahin Ibsame.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Horsiisee Bultoota Godina Baalee Bahaa dubbisuun ‘Addis Standard’ akka gabaasetti seer-maleessummaan Bulchiinsa Mootummaa keessatti gaggeeffamuu fi malaammaltummaan, hoonge mudaate caalaatti hammeessuu ibsameera.

Darakoo irraa kaasee hanga Sawwenaatti, dheedichaa fi madda bishaanii fooyya’aa argachuuf namootni hedduun qe’ee isaanii gadhiisaniiru. Naannoo Oromiyaa, Godina Baalee Bahaatti jiraattuun Aanaa Raayituu kan taate tokko akka jettuutti “achitti wanti ittiin jiraatamu tokkos hin jiru, kana malees gargaarsi mootummaan nuuf kennu gahaa miti, bishaan gaafannus liitira 10 ol hin argamu” jetti.

Garuu hoongee haala qilleensaatiin dhufu qofa miti hawaasa achi jiru gaaga’aa kan jiru. Himatni namoota haala naannicha ijaan arganii fi ‘Addis Standard’ waliin haasa’an  akka mul’isutti cunqursaan qondaaltoota mootummaan raawwatamu, seer maleessummaan Bulchiinsa Mootumma keessatti gaggeeffamu fi malaammaltummaan haala duraanuu hamaate jiru caalatti dabale jira.

 Namoota kudhan ta’an ‘Addis Standard’ dubbisuu danda’e keessaa seenaan Faaximaa Siraaj, haadha ijoollee lamaa, mootummaan rakkoo kanaaf xiyyeeffannoo laachuu dhabu isaa  dubbatti.

Ajjeechaa Artistii beekamaa Oromoo Hacaaluu Hundeessaa Caamsa 29 bara 2020 irratti raawwatameen booda tarkaanfii hidhaa mootummaan gaggeesseen abbaan warraa ishee to’annoo jala oole.  Faaximaan haala gara Sawweenaa ishee fide yaadachuun akkana jette: “Lafa xinnoo aniifi abbaan manaakoo qonnaan ittiin jiraannu qabna. Garuu abbaan manaa koo waggaa lama dura qabamee hidhame, roobni hamma tokko roobuus hojii qonnaa qophaa kiyya itti fufee waan baay’ee hojjechuu hin dandeenye” jetti.

 Faaximaan ijoollee ishee lamaa fi ijoollee maatiin irra hin jirre kunuunsaa jirtu afur waliin miilaan km 30 gara Sawwenaatti deemte. Faaximaan sababa isheen gara Sawweenaa dhuftee yeroo gaafataman, “Bakki gargaarsa itti raabsan kana jedhame waan nutti himameef, Ijoollee kana waliin deemuu danda’eera garuu namootni as jiraniyyu haala baay’ee hamaa keessatti tursiifamaa jiru” jetti.

Gargaarsa mootummaan naannichaa waggoota kana hunda waan baay’ee nuuf hin goone jechuun miira abdi kutannaatiin waqaarra rooba kadhaachuutu caala jeetti.

Waggoota kurnan darban keessatti isa hamaadha kan jedhame hoongeen Gaanfa Afrikaa rukute kun belladdoota miliyoonota dacheerra duguugeera.

 Hoongeen bara 2021 gaanfa Afrikaa rukute gogiinsa hamaa waggoota kurnan darban keessatti mudate jedhamee kutaalee Itiyoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaa keessatti miiliyoonaan lakkaawaman lubbuu fi du’a gidduutti hambiseera.

 Akka ‘Famine Early Warning Systems Network (FEWS NET)’ jedhutti, naannoon Gaanfa Afrikaa dhuma bara 2020 irraa eegalee yeroo roobaa giddu galeessaan gadi aana ta’e yeroo sadaffaaf kan mudate yoo ta’u, kunis hoonge amma jiru cimsuu fi yoo xiqqaate walakkeessa bara 2022tti wabii nyaataa haalaan hammeessa jedhamee eegama.

Fakkeenyootni tilmaama naannoo fi addunyaa hedduun rooba Onkoloolessaa hanga Muddee 2022tti roobu giddu galeessaa gadi aanaa akka ta’u irratti walii galu, kunis adda durummaan haala Dipoolii fi Laa Niinaa Galaana Hindii negaatiivii ta’een kan ka’edha jedhama.

Odeeffannoon FEWS NET irraa argame dabalataan akka agarsiisutti qorannoon haala qilleensaa seenaa irratti gaggeeffame carraan yeroo rooba giddu galeessaa gadi aana ta’e yeroo afraffaaf walitti aansuun Amajjii hanga Caamsaa 2022tti olka’uu agarsiisa.

 Sawweenaa fi Aanawwan Baalee Bahaa hafe keessatti hanqinni daandiin , wiirtuuwwan eegumsa fayyaa, fi tajaajiloota bu’uuraa biroo dhabamuu isaaniitiin haala caalaatti hammeessaa jira. 

 Jiraattonni godinichaas yeroo dheeraaf mootummaan naannichaa komii isaanii furuuf waadaa irra deddeebi’ee seenus kophaa hafuu isaanii komachaa kan turan yoo ta’u, mootummoota walduraa duubaan jiran jalatti kufaatii malee waan agarsiisan hin qaban jedhan.

 Qondaaltonni bulchiinsa godina Baalee Bahaa fi biiroo bulchiinsa ittisaa balaa Aanaale lameenuu gaaffi dhihaatef deebi hin keennine jechuun Addis standard gabaasera.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of Mohammed Genemo

Mohammed Genemo

Blogger and Journalis at Oromia11

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu