Hidhattoonni eeggumsa warshaa Sukkaara Mataa Haaraa tarkaanfii seeraan alaa fi lola guyyaa kaleessaa hawaasa nagaa irratti rawwataniin namni maqaan isaa Aadam Alii Karaabaa jedhamu galaafatamee jiraachuu maddi Oromia11 naannoo sanaa addeessee jira.
Obboo Aadam Alii Karaaba nama guddaa abbaa ijoollee kudhaniifi haadha Warraa lama qabu ta’uu kan himu jiraataan nuuti odeeffanne manuma isaatti dhukaasa irratti banaameen galaafatan jedhe.
Lolli Waraana Warshaa kana eegaaniin Uummata irratti baname kun miidhaa walirraa hin cinne geessisaa jiraachuu kan himu jiraataan odeefanne, torbee darbees Jaarsa beekkamaa biyya Maanguddoo Usmaan Alii Said jedhamu yaalii ajjeechaa irratti taasifameen rasaasaan harka rukutamee harki irraa cituu jiraatan odeeffanne himee jira.
Warshaan Sukkaaraa Shawaa Bahaa Aanaa Fantaalletti argamu yeroo hawaasni naannichaa hongee keessatti argamu Kanatti iddoo hawaasa kana gargaaruun dandamachiisuu qabutti miidhaa hamaa irraan geessisaa jiraachuu hawaasni yeroo hedduu komata.
Aanichatti yeroo ammaa horii bira darbee namni waan nyaatu dhabee jiraachuu Jiraataan Oromia11 dubbise ni hima. Bara kana Warshichi Sababa bishaan Nogobaa jedhamuutiin hojii dhaabee jira kan jedhe jiraataan nuuti dubbisne haftee goggogaa Shonkoraa kanaa Uummatni horii dheechifachuun Kana dura waanuma baratame ture jedha.
Hawaasni Horsiisee bulaa haftee sababa adda addaatiin goggogee bade horii isaa nyaachifachuun lubbuu horii isaanii baraaruuf Aanicha keessa kallattii garaa garaan garasitti godaanee jiraachu jiraataan kun himee jira.
Warshaan kun immoo ji’oota shanaan (5)’n darban horii hawaasaa, re’ee, looniiifi gaala uummata irraa walitti qabuun Kaampii Waraana Warshichaa geessuu jiraatan kun ibseera.
Eergasii Immoo loowwan too’ataman baasuuf tokko tokkoo Loon qabamaniif qarshii 500-1000tiin, Re’ee qarshii 100-200 kaffalanii akka gadhiisaniif gaafachuu hima. Kana gochuuf immoo hongeen waan hammaateef horii gurguramee kana kaffalan akka hin jirres ibsuun horiin hedduun kaampii waraanaa san keessatti dhumaa jira jedha.
Warshaan kun gocha kana hojjachaa turuu bira darbee dhiyeeenya kana hidhattoonni eegdoo warshichaa Hawaasa ituu irratti dhukaasa banuun isaa ni yaadatma
Guyyya hunda dhukaasni Osoo hin banamne hin oolu kan jedhe namni nuuti odeeffanne kun, torbaan darbe keessa immoo Warshaa Upper Awash Agro-industry jedhamu kan lafa qonnaa Aanichaa keessa qabu nama horii tikfatu Irratti dhukaasa baneen Nama Goota Cimaa Fantaalle keessatti beekkamuufi Jaarsa biyyaa Kan ta’e Usman Alii Said yaalii ajjeechaa irratti raawwataniin Rasaasan harka irraa kutuu hima.
Usman Alii Said yeroo ammaa Hospital Adaamaatti yaalamaa jiraachuufi Jaarsa beekkmaa Abba Maatii hedduu nama jaallatamaadha.Kana qofa Osoo hin ta’in Guyyaa kaleessas Waraanni Warshaa Sukkaaraa Mataa-haraa uummata irratti lola bane
Warshaan Sukkaara Mataa-haraa gama isaatiin Caamsaa 25 /2022 Ibsa karaa marsaa hawaasaa isaatiiin Maxxanseen Lafti Omisha Shonkooraa hektaari 2365 beneensotaan miidhaan irra gahuu ibsee, bulchiinsi Warshichaa badii qaqqabaa jiru hambisuuf Humna ittisa nageenyaa Federaalaafi Naannoo wajjiin ta’uun Paatrooliidhaan eegumsa gochaa jiraachu hime.
Ibsichi Itti dabaluun badiin kun guyyaarraa gara halkaniitti jirjiraamuun humna hidhateen deegaramee waan jiruuf Itti cimuu malee furmaata akka hin fidin eereera.
Taateen kun haalli qilleensa jirjiiramuu wajjiin walqabatee gogiinsa dhufeen horsiisee bultootni akka horii isaanii nyaachifataniif haftee Shonkooraa maashina jalaa hafu iddoo isaan jiraatanittis geessaa akka tures yaadachiisa.
Kana males Rakkoowwan Ji’oota afran darbaniif Tarkaanfii fudhachaa akka jiraniifii horii achitti arganis qabanii abbaa horii sanaa mallaqa kaffalchiisaa akka turanis ibsa keessaa hubachuu dandeenyeerra.