Mana hidhaa Keessatti Waan baay’ee hubachuu Kan kaase Obboo Jawar namoonni silaa abbaa araaraa ta’uu malan hayyootni hunduu kallattiin yeroo Lola labsan miidiyaa biyyaa irraa ilaala turuu kaasuun Kan ajaja dabarsu malee Kan dhageeffatu hin turre jedha.
Obboo Jawar mana hidhaatii bahuun mootumman walii galtee uumteeti jedhama Isin maaljettu gaaffi jedhameef immoo Kan nuhidhe mootummaadha, bahaa jennaan bahuu kaasun walii galteen biraa tolfatan akka hin jirre hime.
An miseensa paartii seeraan galmaa’e biyya kana keessa jiruuti kan jedhan Obboo Jawar Mohammed duraayyuu nuti furmaata rakkoo hawaasa keenyaatiif dubbannee hidhamne waan ta’eef ammas mootumman ni mari’anna koottaa nagaa buusna jedhu yoo argame marii furmaataaf taa’amu kamuu irratti hirmaachuuf qophii ta’uu kaasee garuu hanga ammaatti yaadi kun gama mootummaatiin nuuf hin dhiyaanne jedhe.
Hanga ammaatti wanti na bituu danda’u yoo jiraate dantaa uummata kiyyaati jechuun kana gochuufi immoo qaama marii karaa nagaan isaan wajjiin gaggeessuu barbaadu kamuu wajjiin taa’anii gara fuulduraatti cee’uuf dhaabni isaanii gahumsa ittiin moo’atan qabaachuu kaase.
Kana malees marii Mootummaaa Biltsiginnaa wajjiin mari’achuuf Keeniyaa deemte gaaffii jedhameef Mootumman Biltsiginnaas anis Finfinnee jirra waan ta’eef isaan wajjiin mari’achuuf Keenyaa deemuu akka hin barbaachifne kaasun dhimma dhuunfaafi deemuu hime.
Lola duraan gara kaabaa Itiyoophiyaa keessa ture gara guutuu Oromiyaatti jirjiiramee maqaa Oppereshiinii Riphee Lolaa Balleessuutiin lolli jabaan adeemsifamaa jira, kun dhuguma furmaata nifidaa jettanii yaadduu isa jedhamee gaafatameen immoo seenaa waggaa dheeraa osoo hin ta’in isa waggaa lamaan kana osoo iyyinee kadhannuu Tigraay fi Mootummaa Giddu-galeessaa giddutti ta’e fakkeenya gaarii waan ta’eef lolaan furmaata fida jedhamee deemamuun isuna keessa jiran dagachuu waan ta’ee hooggansi akkasii hoogansa fayyaa hin qabne qofaadha jedhe.
Kanaaf Lolli Kaaba Itiyoophiyaatti furmaata hin ta’in Oromiyaa keessatti furmaata hin ta’u waan ta’eef Mootumman dhukaasa dhaabuu isa Kaabaatti godhe, Oromiyaa keessatti godhuu qaba jedhe.
Walumaa galatti rakkoo amma biyyattiin keessa seentee jirtuufi furmaanni jaarmaa tokkoon dhufuufi imaammata namni tokko bocee namatti kennuun dhufu waan hin jirreefi lolli gartokkeen osoo hin ta’in guutumatti dhaabbatee mariin hunda hammaate gaggeessuun kufaatii daangaa hin qabne biyyattiin keessa seente kanaaf dhimmuun furmaata filmaata hin qabne ta’uu akka qabu kaasan.