Godina Arsii Lixaa Aanaa Heeban Arsii Ganda Ambaa Godaa Sadee keessatti hidhaan Maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdan jechuun rawwatamuu akkan hammachuun himame.
Baatii tokko duru labsii duula Waraana Bilisummaa Oromoo dhabamsiisuu jedhu hordofee umriifi saalaan osoo adda hin bahin jumlaan namoota hidhuu fi dararaa akka turan jiraattonni himan.
Akka jiraataan achirraa odeefanne jedhutti WBO sakatta’aa jechuun namoota kudhan kudhan walitti gurmeessuun kanneen ergama kana fudhachuu hin feene hidhaa jiraachuu addeesse.
Nomoonni badii tokko malee bifa kanaan too’ataman osoo mana murtiitti hin dhihaatiniifi adeemsa seeraa tokko malee baatilee hedduuf hidhaan dararamaa jiraachuus himatu jiraattonni.
Torbaanuma kana keessa maanguddoo ganna 50 dabalatee namoonni lama “ajaja mootummaa fudhachuu diddan, isin Shaneedha” jechuun mana jireenyaa isaanitii Poolisii Humna Addaa Oromiyaan kan qabaman yoo tahu namoonni kunneen mana murtiittis osoo hin dhihaatin mana hidha Aaniichaa keessatti hirarfamaa akka jiran himu.
Ummanni nagayaa guyyaa guyyaan hidhamaa waan jiruuf manni hidhaa Aaniichaa guutamee mana barnootaa keessatti nama hidhaa jiraachuu eeruudhaan hidhaa irraa bahuudhaaf mallaqa humnaa olii gaafatamaa jiraachuu himatu. Qondaaltonni mootummaa gochaa kana karaa saamicha haaraa godhachuun sababa tokko malee namoota hedduu madda galii isaanii taasifachuuf hidhaatti naqaa jiru jedha jiraataan odeefanne.