Godina Gujii Bahaa Aanaa Gooroo Doolaattis Waraanni Mootummaa Abbaa Ijoolee 4 Manaatti Itti Seenuun Rasaasaan Ajjeesan.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Abbaa ijoollee afurii Jaarsoo Caaccuu Notee nama jedhamu Aanaa Gooroo Doolaa Ganda Horsiisee Bulaa Raaroo jedhamu keessa jiraatu yoo ta’u rasaasa humnoota mootummaan itti dhukaafameen ajjeefameera.

Akka Madda Oromia11’tti Jaarsoo Caaccuu Notee nama nagaafi Siyaasa kam irraayyuu bilisa ta’e Waraanni Magaalaa Harqalloo irraa ka’ee gara Magaalaa Saraansariitti imalaa ture Ganda Horsiisee Bulaa Raaroo Iddoo Adda Rukeenssaa Tuutticha jedhamutti jiraataa kana mana isaatti fuula ijoollee isaa duratti ajjeesuun bira darban.

Naannichatti Walwaraansa WBO fi Humnoota mootummaa Naannoo Magaalaa Saransar kan Ganda Dhuqqoo keessatti taasifamees Humni Waraanaa dabalata Aanicharraa ergame nama daandii irratti arge hunda itti dhukaasuu eegaluun mana jiraataa kanaatti goruudhaan ajjeechaa suukaneessa kana raawwachuu maddeen garasii Oromia11 gabaasaniiru.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of Mohammed Genemo

Mohammed Genemo

Blogger and Journalis at Oromia11

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu