Abiy Ahmed yeroo lammoossoof namoota Addunyaa irratti dhiibbaa gurguddoo qaban 100 Keessaa tokko ta’uun ‘Times’ filatamee jira.
Waggaa waggaadhaan namoota hammeenyaa fi milkii gurguddoo Addunyaa irratti fiduun dhiibbaa gurguddoo addunyaa irratti taasisan kan filatu ‘Times’ bara 2021tti nyaapha biyyoota gara garaa affeeruun biyya isaa keessatti lola dhalchee lubbuu lammiilee kuma dhibba shanii ol galaafachuun filamuu kanaaf kan isa gargaare ta’uun hubatamee jira.
Lolli biyya Abiy gaggeessaa jiru keessatti iddoo hundattuu geggeefamaa jiratus ‘Times’ garuu lola baatilee 19’n dabran Kaaba biyyattii keessatti adeemsifamaa ture bu’uura godhachuun akka filate addeessee jira.
Sadaasa bara 2020 irraa kaasee duula ol-aantummaa seeraa kabachiisuu jedhuun Tigraayitti duulameen hanga ammaatti lammiileen walakkaa miiliyoonaa akka du’anii fi miiliyoonota kurnaan immoo beelaaf saaxilamuu qorannoon Yunivarsitiilee fi dhaabbilee gara garaa addeessaa turaniiru.
Lolli kun akka dhaabbatuuf Ameerikaa hanga Gamtaa Awurrooppaa, Gamtaa Afrikaa hanga Pireezdaantii Keenyaatti hedduun watwaachaa turaniiru. Qaamni ol-aanaan dhimma Nageenya Addunyaa kan Gola Maree Nageenya Addunyaa jedhamu rakkoon kun furmaata argatee lammiileen biyyattii du’arraa akka oolaniif yeroo 13 ol marii taa’ee, dhaabbileen mirga namoomaa fi deeggarsa namoomaa furmaataaf watwaatanis kan gurra isaaniif kennu dhibee baatiin 19 darbanii, badiin kun ardha Abiy Ahmed hammeenyaan addunyaa irratti adda duree keessatti laakkawamuuf isa dandeessiseera.
Abiy Ahmed bara 2019’s namoota addunyaa irratti dhiibbaa qaban jedhamuun kan filatame yoo ta’u bara sana tola biyya ollaa waggaa 20 ol wal-gaarrefannaa keessa turan Eertiraa waliin araara buusuu isaaf ture namoota hojii gaarii addunyaaf gumaachan jedhamuun kan filatame.
Yeroo waggaa lamaa gadii keessatti faallaa isa Kaleessaatiin lammiilee isaa Waraana waliinii lubbuu lammiilee walakkaa miiliyoonaa galaafachuun immoo irra deebiin namoota hammeenyaan dhiibbaa gaggeessan ta’ee filameera. Seenaa waliif faallaa akka kanaa qabaachuun Abiy waliin kan seenaa akkasii qoodatu jiraa laata kan jedhu gaaffii namoota hedduu ti.
Namoota bara 2021 ‘Times’ file keessatti Pirezdaantiin Ameerikaa Joo Baaydan kan argamu yoo ta’u inni garuu akka Abiy badii qaqqabsiiseef osoo hin taane tattaaffii rakkoo addunyaa fi biyya isaa furuuf taasiseen kan filatame dha.
Dubartiin Gurraattii fi Itoophiyaa irraa taate Timniit Gabruu kanneen filaman keessaa tokko yoo taatu hojii falmaa walqixummaa sanyii kan Dhaabbata Google keessatti taasisaa turteen kan filate ta’uu Times ifoomsee jira. Sammuun nam-tolchee ( artificial intelligence) Dhaabbata Google fuula dubartoota gurraalee adda baasuuf hanqachuun isaa dhiibbaa sanyummaati jechuun falmaa turuun ishee filmaata kanaaf ishee gargaaree jira.