Hidhamtoota keessaa namni Oromiyaa11 dubbise akka jedhetti baajatni Mootummaan mana hidhaatiif ramadu qondaaltotaan waan saamamuuf rakkoo hammaataa keessa galanii jiraachuu himatu.
Hidhamtootni irra caalaan isaanii namoota yakka mirkanaa’e tokko malee hidhamaniifi sababa ilaalcha siyaasafi rakkoo biyyattii keessatti adeemaa jiruun qabamanii kanneen hidhaman ta’uu hima maddi Oromia11 kun.
Akkasumas Hidhamtootni kunniin mana hidhaa kana keessatti tajaajila gahaa dhabuun hedduun isaanii fira dhufee dubbisu kan hin qabneefi rakkoo beelaatiifi dhibeedhaaf saaxilamanii kanneen du’an jiraachuus hime.
Haalli qabiinsa mana hidhaa sanaa hedduu hammaataa ta’uu kan kaase hidhamaan kun dhibee dardarbaa gara garaatiif saaxilamuufi nyaataa malee guyyoota dabarsaa jiraachuu himata.
Akka hidhamaan kun jedhutti gara qaama dhimmi ilaallatuuttis akka hin iyyanneef ta’e jedhamee itti yaadamee gocha nurratti raawwataa jiruudha jedha.
Hidhamtootni kunniin namoota 3000 ol ta’uu kan eeru hidhamaan kun harki caalaan hidhamtoota kanneenii ilmaan harka qalleeyiifi qotee bultootati ta’uu hime. Rakkoo hidhamtootni himatan kana qondaalota mana hidhaa sanaa gaafachuuf yaaliin taasifne hin milkoofne.