Yeroo ummanni Miliyoona 20 beelayee jirutti fi sababa beelaa marsaa daqiiqaa 48 keessatti lubbuun nama tokkoo biyya itti darbu keessatti ijaarsa Masaraa haaraaf birrii biiliyoona 49 ramadanii hojiitti jiraachuun mataa dubbii ta’ee jira.
Mootummaan Abiy Ahmed jiruu lammiilee fooyyessuuf akeeka akka hin qabne bu’uuruma isaa irraa kan jallateefi waggoottan afran darban carraa hojii lammiileef uumuu, misooma qonnaa kan humna namaa dhibbentaa 85 qabatee fi utubaa diinagdee biyya sanaa ta’e tumsuu caala: Masaraa haaromsuu, Parkii bashannanaa fi miidhagina Magaalaa irratti kan fuullefate, siidaa gabroofattoota biyyattii haaromsuufi haaraa ijaaruu akeeka godhachuun wanta baratamaa dha.
Kana malees bajata ijaarsota inni irratti xiyyeefate kanaaf oolu miseensonni mana maree biyyattii eessaa akka argameefi maalirra akka oole nagaafachuuf hin danda’an jechuun haasaa raajii biyya kam keessattuu ta’ee hin beekne hedduu dubbachaa akka ture yaadannoo yeroo dhihooti.
Akka gabaasni Reporter kan guyyaa kaleessaa akeekutti amma immoo hojii kana daran bal’isuun Masaraa haaraa qarshii biiliyoona 49’n hojjachiisaa jiraachuu ifoomsee jira.
Yeroo diinagdeen biyyattii sababa waraana waliinii fi hoongeetiin akka malee kufee, tokko afreessoon guutuu ummata biyyattii beelaan du’uuf qarqara jirutti, yeroo warshaaleefi dhaabbileen oomishaa dhibba afurii ol hanqina mallaqaatiin hojii dhaabanii jiranitti rakkoo sana furuuf tattaafachuu caala fuullefannaan isaa kana ta’uun diinummaa Abiy ummata biyyattii sanaaf qabu sirriitti agarsiisa jechuun namoonni piroojektii kanatti gammachuu hin qabne yoo ibsan mul’achuutti jira.
Waggoottan afran darban biyyattii lolaan gooluufi diinagdee biyyattii meeshaa waraanaa akka diroonii faa sharafa biyya alaatiin bitaa kan ture Abiy ammas badii isaa isa kaleessa irraa hin baratin, abjuu haati isaa Nugusa taata ittiin jette keessaa ardhallee hin dammaqin jiraachuun isaa ummata biyyattii jalaa waan dhokatee mit. Haa ta’uutii garuu raajiin inni akka ammaa kun ni taha jedhanii tasa tilmaamuun hedduu nama dhiba.
Diinagdeen hanga sanii pirojektii ummata biyyattiif bu’aa tokko hin qabne irratti baasii ta’uu isaatiin alattis namoonni kumoota afurii ol sababa ijaarsa piroojektii kanaaf qe’ee isaanii irraa kan buqqaafaman ta’uunis qisaasama pirojektii kanaa keessaa isa tokko dha jedhameera.
Bajatni Pirojectii Ijaarsa Masaraa kanaaf ramadame, Hidha Madda Annisaa Laga Mormor kan Aanaa Gubaatti ijaaramaa jirutti aanee akka biyyattiitti piroojektii mallaqni guddaan irratti dhangala’u akka ta’e hubatameera.