Ilaalcha Farraa Oromummaa kan qaban Gareen Kashalabbootaa Baaldiraas ijaare Manneetii Barnootaa Magaalaa Finfinnee keessatti hojii baruufi barsiisuu geggeessaa jiran irratti hokkara kaasuu isaanii baramee jira. Gurmuun kun gidduu kana irra deddeebiin manneen barnootaa keessatti haakkara kaasuu barsiisonni miidiyaalletti kan himan yoo ta’u hojii jibba Oromoo hankaahuu hojii isaa kan taasifate Baldaras maxxansa Fuula Miidiyaa Hawaasaa paartichaa irratti raga dabalataa kennee jira.
Odeeffannoon Fuula Miidiyaa hawaasaa kun akka eerutti Afaan ORomoo Magaalaa Finfinnee keessatti akka hin baratamne, Manneetii barnootaa keessatti Alaabaan Oromiyaa akkaa hin fannifamne, faaruun Oromiyaas akka hin dhageessifamne garee kashalabbootaa ijaaruudhaan hokkara kaasaa jiraachuu bira ga’ameera.
Fuullii Miidiyaa hawaasaa paartichaa akka maxxansetti Magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa Yeekkaa Aanaa 12tti Jeequmsa kaasuudhaan adeemsa baruufi barsisuu gufachiisaanii akka jiran ibsa.
Gareen Baldraas Sochiin balaaleffannaa Afaan Oromoofi Alaabaa Oromoo kun manneetii barnootaa Afaan Oromoo keessatti cimee akka itti fufu dhaamsa waliif dabarsaa akka jiran hubachuun danda’ameera.