Wal waraansi kun Magalaa Finfinnee irraa kiiloomeetira 54 kan fagaattu Aanaa Sulultaa Magaalaa kanteerii keessatti guyyaa kaleessaa (Caansaa 18/2022) kan gaggeefame yoo tahu, wal waraansa kanaan waraanni mootummaa 16 ajjeefamuu fi 25 madaa’uu ajajaan zoonii jiddu galeessaa tokko Oromia11’tti himee jira.
Ajajaan bilbilaan dubbisne kun akka jedhutti Waraanni Bilisummaa Oromoo WBO’n guutuu Oromiyaa keessatti diina irratti tarkaanfii fudhachaa jiraatus lola guyyaa kaleessaa kana waanti adda godhu fuunyaan Finfinnee jalatti ta’uudha jachuun ibse.
Itti dabaalunis WBO’n tarkaanfii mooraa diinaa irratti fudhate kanaan meeshaalee waraana achi keessa jiru booji’uun qabsoof kan olfaate yoo tahu tarkaanfiin Waraani Bilisummaa Oromoo fudhate kun mootummaa akka malee rifaasisee waan jiruuf, yeroo ammaa oliif gad fiffiiguun hawaasa nagayaa goolaa jiraachuu kaase.
Lolli amma karaa hundaanuu mootummaa abbaa irree irratti baname kun hanga galmi keenya bakka gahutti itti fufa kan jedhu ajajaan kun, kanaan boodas Waraanni Bilisummaa Oromoo injifannoo seena qabeessa tahe akka galmeessu ibse jira.
Maqaa riphee lolaa balleessuutiin Mootummaaan biyyattii lola cimaa Oromiyaa irratti labsuun ummata nagayaa hidhuu, ajjeesuu fi qabeenya isaanii ibiddaan barbadeessuun guyyaa guyyaan rawwatamaa akka jiru Oromia11 hawaasa dubbisuun gabaasaa turuun ni yaadatama.
Ajajaan zoonii jidduu galeessa Godina Shawaa Kaabaa akka jedhutti mootummaan kana kan gochaa jiruuf akka ummanni Oromoo cabu, akkasumas ummanni kun akka beela’uu fi akka uf jibbee qabsoo irraa abdii kutatuuf duulli waraanaa guddaan kutaalee oromiyaa irratti labsamee jira jedhe. Duula kanaan ummanni nagayaa halaa sukanneessaan ajjeefamaa turuu, qe’ee fi qabeenyi isaanii hundi jalaa barbadaa’uu ibsee jira
Duulli amma maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo sababeeffachuun ummata nagayaa irratti taasifamaa jiru kun akka ummanni Oromoo rakkoolee amma keessa jiru kana irraa hin dandammanneef godhamaa jiraachuu fi duulli kun duula duguuggaa sanyii akka tahe shakii hin qabuus jedhee jira.
Ummanni keenya haala ulfaataa keessaa jiru kanatillee sirni kun sirna Oromoo fi Oromiyaa balleessuuf dhaabbate tahuu waan hubateef qixuma Waraana Bilisummaa Oromoo wareegama kafalaa jira kan jedhu ajajaan kun bakka Waraanni Bilisummaa Oromoo jirutti midhaanii fi bishaan itti geessee waan danda’u godhaa jira waan ta’eef kunis loltummaa jechuu dandeenye jedhu.
Kanuma sababeeffachuun torban lama dura mootummaan xiyyaaraan Godina Shawaa Lixaa Aanaa Abuunaa Gindabaratitti haleellaa diroonii ummata nagayaa irratti rawwachuu gabaasuun keenya ni yaadatama. Ammallee nanniichatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleesina jedhuun haleellaan wal irraa hin cinne ummata nagayaa irratti rawwatamaa jiraachuun ibsamee jira.
Siyaasaan amma mootummaan biyyattii fayyadamaa jiru ummata dadhabsiisee Waraana Bilisummaa Oromootis dadhaabsiisuuf kaayyeeffatee adeemaa waan jiruuf ummanni keenyaa mootummaan kun diina Oromoo tahuu beekee akka dura dhaabbatan dhaame.