Lammiileen Itoophiyaa fi michoonni Itiyoophiyaa hundi dimokiraasii fooyya’aa, mirga namoomaa fi jaarmiyaaleen siyaasaa baqattummaa irraa gara biyyaatti deebi’anii biyya keessatti bilisaan socho’aa turu yaadachiisuun haa ta’uu mootummaan wareegama qeerroo Oromoo shiraan dhunfate biyyaatti goolamaaf saaxiluu hima ibsi dhaabbatichaa.
Ibsichi maddeen isaa wabeeffachunis humni mootummaa namoota nagaa meeshaa waraanaa hinqabne Gujii Lixaa, Boorana, Baalee, Godinaalee Wallaggaa afur, fi Giddugaleessa Oromiyaa keessatti argaman maashinii ulfaataa fayyadamuun WBO gargaaraa jiru jechuudhaan haleelamaa jiraachuu ibseera.
Kanumaan walqabatees haleellaa diroonii Ebla 22, 2014 ALH gaggeeffames ibsichi kaaseera. Aanaa Abunaa Ginadabarat keessatti bakka addaa “Goxii Kibbi” jedhamutti haleellaa kanaan namootni hedduu kan ajjeefaman ta’uu ibsi kun eere jira.
Kan biraa ajjeechaa jumlaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Warra Jaarsoo keessatti torbee tokko dura raawwatame ibsicha keessatti eerameera.
1 thought on “Sarbama Mirgoota Namoomaa Guddaa Itoophiyaa Keessatti Raawwatamaa Jiru Xiyyeeffannoo Guddaa Argachuu Qaba Jedhuun Ligiin Mirga Namooma Gaanfa Afrika Beeksise.”
10Q 🙏 🙏 🙏 🙏
Comments are closed.