Jiraataan oromia11 dubbise akka jedheetti Aanaa Baateetti walitti bu’insa Humnoota Affaariif qonnaan bulaa Oromoo gidduutti umaameen qonnaan bultoota Oromoo irraa namni tokko du’ee 2 kan madaahe yoo tahu, naannawa Kamiseetti hidhaan sabummaa irratti xiyyeeffate kan qondaaloota mootummaa naannoo Amaaratin gaggeeffamu itti fufee jiraachu himame.
Akka Jiraataan nuuti achirraa dubbisne kun jedhutti qondaalota Mootummaa Naannoo Amaaraatiin guyyaa kaleessa namoota 5 Aanaa Kamisee irraa qabanii sababa tokkoon malee maqaa WBOtiin qabaanii kan hidhan ta’uu dubbate.
Namoonni qabaman kunniin naannawwa Qabballee jedhumuu kan qabaman yemmuu ta’u namoonni kanaan dura hidhaman tokkoo tokko qarshii hammaa kumaa 30 fi 40 irraa fudhachuun baasanii faana bu’uun deebisanii qabanii irra deddeebiin maallaqa gaafachaa jiraachuus eeran.
Kana malees namootni kanneen armaan dura hidhamaiin achi buuteen isaanii dhabamuu, jiraachuufi dhiisuun kan hin beekkamne ta’uu kaasan.
Duulli Oppereshiinii WBO balleessuu kun yeroo 2ffaaf Mootummaa Naannichattiin labsamee jiraachuu kan kaase Jiraataan kun dararaan hamaan waranaa kanaan hawaasa naannichaa irra gahaa jiraachuu himu.
Gama birootinis daangaa Naannoo Affaritiinis Mootummaan siyaasa isaatiif jecha ummata horsiisee bultoota walitti buusuun dantaa siyaasa isaanii oofachaa jira jedhe.
Walitti bu’iinsa guyyaa dheengaddaa Aanaa Baateetti uumame kanaanis lubbuun nama tokkoo darbuun Lama madaa’anii reeffi isaanii guyyaa kaleessaa kaafamu ibse.
Akka jiraataan kun jedhutti mootummaan ta’e jedhee Uummata Affariifi Oromoo Walitti buusuun daandii siyaasa isaa qofa sirreeffataa jira jedha.
Kana males Qondaaloonni Mootummaa Juuntaan deebitee jirtii duuluu qabdan jechuun nama xiqqaafi guddaa jaarsaafi jaartis lola deemna jechuu dirqiin qabaa jiraachuu hime.
Akka jiraataan kun ibsutti gochi kun Ibsa Mootummaan Naannoo Amaaraa TPLF deebistee lola banuu waan dandeessi sodaa jedhuun qaamoleen nageenyaa naanichaa akka qophaa’u yaamicha taasise hordofuun ta’uu ibse.