Bara 2012 irraa kaasee hanga 2017, hanga yeroo Farmaajoon gara aangootti dhufaniif pireezdaantii biyyattii kan turan Hassan Sheikh Mohammed yeroo 2ffaaf waggoottan afran itti aanan biyyattii akka geggeessan falatamanii jiru.
Bakka bu’oota Gosootaa kan manneen maree Ripaablika Somaalee 328 oliin kan sagalee itti laatamu pireezdaantummaa kanaaf namoonni 39 morkachaa kan turan yoo ta’u, maayyii irratti pirezdaantii yeroo ammaa biyyattii gaggeessaa jiran Farmaajoo waliin kan waldorgoman Hassan Sheikh sagalee 214 argachuun mooyateera.
Michuu Isaayyaasiif Abiy Ahmed kan turan Farmaajoon dorgomichaan sagalee 110 qofa argachuun injifatamaniiru.
Farmaajoon yeroo aangoo isaa dheerefachuun sababa adda addaa kaayuun tattaafachaa kan ture yoo ta’u ka’umsa muddama Siyaasaa biyyattiis ta’ee ture.
Waggoottan afran darban Abiy fi Isaayyaa wajji ta’uun lola kaaba Itoophiyaa keessatti qooda fudhachaa kan ture Farmaajoon Abiy Ahmed fi Isaayyas Afaworqii waliin ta’uun Jaarmaa Inter-governmental Devevopment ykn IGAD dadhabsiisuuf sadi ta’uun badii hojjachaa akka turanis himamaa ture.
Kana malee duula Abiy Ahmed ummata Tigraay irratti Sadaasa/2020 labse akkuma Isaayyas Afawarqii loltoota kumoota hedduu bobbaasee hirmaatee akka ture miidiyaaleen idil addunyaa gabaasaa turan.
Oolmaa kana deebisuuf Abiy Ahmed filannoo kan akka inni injifatuuf loltoota muraasa garasitti ergee akka ture gabaafamaa ture.
Erga bu’aan filannoo ifoomee Farmaajoon marsaa Twitter isaa irratti Hassan Sheikh Mohammed baga gammadde jedheeraan.
Deeggartoonni Hassan Sheikh Mohammed Magaalaa Moqaadishoofi bakkoota biroottis qawwee dhukaasuu fi bifa gara garaatiin gammachuu isaanii ibsachaa turan.