Godina Addaa Oromoo Walloo Aanaa Baateetti Hidhattoonni Affaar Qonnaan Bultoota Oromoo 3 Ajjeesuun Gabaafame.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Ajjechaa Aanaa Baateetti lubbuu namoota 3 galaafatame kana dabalatee, humnooti mootummaa jiraattota Oromoo irraa meeshaa hiikuuf doorsisa hamaa gessisaa jiraachuus jiraattonni Oromia 11tti himanii jiru.

Waggoottan 8 darbaniif lolli wal irraa hin cinne Oromoota Walloofi hidhatoota Affaar jidduutti geggeeffamaa turuu kan himan jiraattoonni bakkichaa dubbifne Qamni mootummas wal dhibdee kana furuu utuu hin taane dantaa siyaasaaf wal waransa kana daran hammeessaa jiraachuu himu.

Kaabinootni Mootummaa Godina Addaa Oromoo Walloo fi kan Nannoo Affaar wal waraansa yeroo dheeraaf uummata ollaa lameen kana gidduu ture jaarsummaan furra jechaa, baajeta dhimma maqaa araaraa kanaaf ramadameen waluma isaanii affeeruu irraa kan hafe qaamni uummata kana walitti fidee araarse tokko akka hin jirre dubbatu maddeen Oromia11.

Darbees qaamni Mootummaa Oromoota hidhannoo qaban irraa hiikkachiisuudhaan kana dabartanii kan dubbattan yoo ta’e Naannoo Affaaritti geessinee hidhaan isin dararra jechuun ummata doorsisaa akka jiran jiraattooni nuuf himanii jiru.

Gama biroon Oromoon Godina Walloo kallattii hedduun miidhamaa jiraachuu kan nuuf kaasan jiraattonni bilbilaan dubbifne mootummaan maqaa Shanee balleessuu jedhuun Aanaalee Godinni Oromoo Walloo qabdu cufa keessatti Guyyaa irraa uummata nagaa ajjeesaa,qabeenya jiraattotaa ibiddaan gubaa, garii hidhaanii gariin ammoo ukkaamsanii dhabamsiisaa jiraachuu dubbatu.

Oromoon Walloo kallaatii hedduun diina  eenyummaa isaa balleessuuf lolaniin marfamee haleellaa baroota hedduu irratti geeffamaa jiru of irraa qolachuun hardha gahuu seenaatu ragaadha.

Inumaahuu furmaata laachuun hafee kallaatiiwwan hedduun duula duguuggaa sanyii Oromoo Walloo irratti geggeessaa kanneen jiran keessaa Qaamni mootummaa tokko tahuu himan jiraattonni dubbifne,

Yeroo itti qonnaan bulaan Oromoo Walloo yakka tokko malee Shaneedha jedhamee ajjeefamaa jiruutti mootummaan federaalaa Garee Faannoo yakka suukanneessaa Oromoo irratti raawwataa jiraniif beekkamtiif badhaasaa kennaa jiraachuus nuuf eeranii jiru.

Xumura irratti Sirna dhufaa darbaa hundattI duulli sanyii balleessuu Oromoota walloo irratti geeffamaa turus, Oromoo Walloo gootummaa qabuun kan yeroo kamuu caalaa diina isaa dura akka dhabatu dhaamanii jiru.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of Mohammed Genemo

Mohammed Genemo

Blogger and Journalis at Oromia11

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu