Godina Harargee Lixaa Aanaa Odaa Bultum Aradda Saglii iddoo Midhaayduu jedhamtutti guyyaa kaleessaa irraa kaasee lola cimaa Waraana Bilisummaa Oromoo fi Waraana Mootummaa jiddutti adeemaa jiru hordofee hawwaasni naannichaa haala hammaataa keessa jiraachuutu himame.
Jiraataan Aaniicha irraa dubbisne akka ibsetti waraanni Mootummaa yeroo qaamoolee isaan Waraanaa jiru kanaan injiffatamanitti ummata nagayaa irratti haaloo bahaa waan jiraniif ummanni rakkina hamaa keessa jiraachuu hime.
Wal waraansa WBO fi Waraana Mootuumma jidutti dhalaate kanaan humnoota mootummaa irraa namni 6 du’uu fi hedduun madaahuun midhaan cimaan waan irra gaheef ergaa walitti dhukaasuun dhaabbate booda namoonni hedduun Aaniichaa keessaa Waraana Mootummaan hidhamuu fi akkasuma namoonni hedduun reebicha qaamolee mootummaa kanaan midhaan cimaan waan irra gaheef mana yaalaa geeffamuu dubbate.
Jiraataan Oromia11 odeeffate kun akka ibsetti naannicha keessatti lolli kun dhalachuun duras Waraanni Bilsiginnaa hawwaasa nagayaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdan waraannicha deeggaraa jirtan jechuun namoota nagayaa ajjeesaa, hidhaa, qabeenya irraa saamaa akka turan ibsee jira.
Itti dabaalunis jiraataan kun hidhattoonni Mootummaa kunneen maatii saboontootaa irratti xiyyeeffaachuun dararaa adda addaa irraan geesiisaa jiraachuu eeruudhaan namoonni yakkaan malee to’annoo jala olfaaman hedduun mana hidhaa Aaniichaa keessatti hirarfamaa jiraachuus himee jira.
Aanaa Odaa Bultum fi Aanaa Mi’eesso keessatti wal waraansi waraana mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo WBO jiddutti irraa dadeebin dhalaachaa turuu kan himu jiraataan kun hidhaattoonni Mootummaa erga lolii dhaabbateefi WBO naannicha gad dhiisee booda ummata nagayaatti as debi’uun WBO’n deeggarsa keessanin as qubate jachuun ummata daraaraa akka jiran ibsee jira.
Xumura irrattis nutti ummanni Oromoo yakkaa tokkoon malee osoo qa’ee keenyaa jirruus ajjeefamuun nurraa oolaa waan hin jirreef bakka jirru hundatti tokkummaan qindoofnee waraana Oromoo fi Oromiyaa balleessuuf nurratti labsame kana akka ufirraa ittisnu jechuun dhammate.