Godina Arsii Aanaa Digaluuf Xiijjootti daa’imman waggaa kudhanii gad jiran dabalatee namoonni nagaan 17 ol- ta’an hidhaatti guuramuun hiraarafamaa akka jiran jiraataa naannoo sanaa irraa odeeffannee jirra.
Namootni juumlaan hidhaatti guuraman kunniin irra caalaan isaanii qonnaan bultoota nagaa yakka takka kan hin qabneefi jiraattota Aanaa Digaluu Xijjoo Ganda Tulluu Qixxee akka ta’an maddi odeefannoo kun ni addeessa.
Aanaa kanatti maqaa Waraana Shanee waliin hariiroo qabdan jedhuun uummata nagaa hidhaatti guuraa turuu kan nuuf himan jiraataan achirraa odeeffanne ummata yakka hin qabne ajaja mana murtii tokko malee seeraan ala baatii takkaa oliif hidhaan erga dararanii booda namoota muraasa hidhaa irraa baasaa jiraachuu dubbatu.
Dhimma juumlaan hidhamuu namoota kanneenii wal-qabatee maatii Amaan Nageessoo jedhamu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira jechuudhaan haadha warraaf ilmaan isaa guutuun hidhaatti guramuu irra darbanii, maatiin kun lafa qonnaa qaban akka qotatanii hin jiraaanne taasifamuun miidhaan addaa irra gahee jiraachuu hima.
Waraanni mootummaa naannicha keessa qubatee jiru konkolaataa patiroolii waraanaatiin ganda keessa deemanii akka uummanni manaa ba’ee hin qotanneef hin hojjetanne shororkeessaa jiraachuu jiraattonni dubbatu.
Itti Dabaluudhaan jiraataan dubbifne kun taatee guyyaa kaleessaa Hidhattoonni Mootummaa Godina Arsii Aanaa Dugdaa Booraa keessatti geggeesan kan nuuf ibsan yoo tahu,qonnaan bultoota WBO soortan jechuun hojii irraa dhorkanii reebicha hamaaf miidhaa hamaa uummata irraan gahaa jiraachuu nuuf himan.
waraanni mootummaa Arsii Aanaa Digaluuf Xijjoo Magaalaa Sagureetti Itti gaafatamaa Siyaasaa ABO kan ta’an Obbo Ayyuub Nuuroo badii tokko malee hidhuun dararaa jiraachuus eeruudhaan,
Haaluma wal fakkaattuun Godina Arsii Aanaa Zuwaayi Dugdaattis miseensa ABO ta’uu isaanii qofaan Obbo Huseen Uttuyyuu badii tokko malee mana jireenyaa isaaniitti qabuun, waajjira poolisii Aanaa Zuwaayi Dugdaatti hidhanii miidhaa akka malee irraan gahaa jiru jedhan.