Ajjeechaa Lammiilee nagayaa irratti qaama Mootummaatiin raawwatamu ittuma fuufuun Godina Shaggar Dhihaa, Aanaa Amboo Ganda Haaruu_Xirrootti guyyaa gaafa Caamsaa 6/2022 jaarsa biyyaa maqaan isaanii Obboo Nagaasaa Tolasaa jedhaman, waraanni Mootummaa qe’ee isaaniitti, itti dhukaasuun ajjeesuu maddeen naannichaa Oromia11’tti himanii jiru.
Aanaadhuma Amboo Ganda Gomosaa Saaxootti guyyaa kaleessaa Caamsaa 6/2022 waraanni Mootummaa Qeerroo Kaasahuun Dirribsaa jedhamu rasaasa ajjeesuu maddeen ibsaniiru.
Kana malees Godina Qeellam Wallaggaa Aanaa Anfiilloo bakka Yaarer jedhamu keessatti, Dargaggoo maqaan isaa Roobaa jedhamu humnoonni mootummaa rasaasa itti dhukaasuun akka ajjeesanis maddeen keenna dabaluun ibsaniiru.
Humnootni Mootummaa kunniin iddoo deemanitti ajjeessuu saaamuu qabeenya gubuufii badii adda addaa raawwachaa jiru kan jedhan maddeen, Godina Mataakalittis ganamaa ardhaa manneen Obboo Jabeessaa Gammachuuufii Asaffaa Fayyisaa dabalatee maanneen jireenyaa 7 ibiddaan barbadeessuu himamee jira.
Kana qofa osoo hin ta’in Humni Mootummaa kun qabeenya nama Obboo Asaffaa Fayyisaa Sangaa tokkoofii Korbeessa re’ee tumaalessa tokko qalatanii nyaachuutu himame.
Akka maddeen kun himanitti Obboleessi Obboo Asaffaa Fayyisaa, Bejanoo Fayyisaafi ilmi isaa sababa tokko malee hanga hidhaman torbaan darbee jiraachuu nuuf himan.
Gama biraatiin Oromiyaa gara Kaabaa Lixaafii keessattuu godinaalee Naannoo Amaaraa daangessan irratti halleellaafi Samichi Humnoota Faannoo Aamaaraan Raawwatu Bifa yaaddessaa irra gahee jiraachuu jiraattotni yeroo gara garaatti himatu.
Mootummaan Naannoo Amaaraa Humna Faannoo jajjabeessuuf humneessuu malee hiikkachiisuu karoora akka hin qabneefii Faannoon akka gaachana Uummata isaanii ta’etti ibsaa ture.
Faallaa kanaatiin Mootummaan Naannoo Oromiyaa Mootummaa Federaalaafi Naannolee ollaa hunda dabalatee WBO balleessinaa Maqaa jedhuun Oromiyaan Gara dirree Waraanaatti jirjiiramtee jirti.