Guyyaa Kaleessaa Dubartii Ulfa Baatii 7 fi Abbaan Manaa Ishee Magaalaa Kaachisiitti Humnoota Muutummaan Ajjefaman.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Waraanni Mootummaa Abiyyi Ahimad Shaggar Lixaa Aanaa Ginda Barat Magaalaa Kaachisitti tarkaanfii suukanneessaaf gara jabinaan guutameen abbaa warraafi haadha warraa isaa kan ulfa baatii 7 irratti ajjeechaa raawwachuu jiraattonni himan

Caamsaa 5 /2022 halkan kaleesaa  Lixa shaggar Aanaa Ginda Barat Magaalaa Kaachis ganda 01 keessatti abbaa warraaf haadha warraa kan ta’an Barsiisaa Geetaachoo Kiisii fi Barsiistuu Gannat Birrii jedhaman ulaa mana isaaniitti gadi waamuun rasaasa itti roobsuun ajjeesan.

Jiraattonni ollaa akka Oromia11’f himanitti maatiin kun galgala edaa mana ofiitii ega gad waamamnii , gaaffii tookko malee rasaasa itti roobsuun ega ajjeefamnii booda reeffi isaanii ganama hardhaa akka lafaa kaafames dubbatu.

Barsiisaa Geetaachoo kiisii fi haati warraa isaanii Barsiistuu Gannat Birrii ijoolle umriin waggaa 6 fi waggaa 4 kan qaban yoo ta’an, aadde Gannat Daa’ima sadaffaa godhachuuf ulfa baatii torbaa da’umsaaf jala geessee ilmoo kan garaa qabdu akka turte jiraataan ollaa miira gaddaan nutti himan.

Yakka sanyii balleessuu halakan edaa barsiisota miseensota maatii tokkoo irratti raawwate kanaan, ilmaan lubbuu hin bariin jiran lama mana cufaa ona keessatti dhiisuun lubbuun kan darban yoo ta’u,  gochi kun duguuggaa sanyii oromoo irratti geeffamaa jiruuf ragaa guddaadha jedhu jiraattoonni dubbifne.

Barsiisaa Geetaachoo kiisii Mana Barumsa Sadarkaa Lammaffaa fi Qophaa’ina Magaalaa Kaachis bariisaa kan turan yoo ta’an haati warraa isaanii barsiistuu Gannat ammoo Mana Barumsaa Sadarkaa Tokkoffaa Gabaa Kamisaa jedhamu barsiisa akka turaniif namoota hawaasa naannoo biratti kabajaaf jaalala addaa qaban akka turan seenaa isaanii nuuf himan.

Namoonni kunniin amma duras firoottaniif maatii keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira jechuun, dorsisni adda addaa qaama mootummaa naannichaatiin irra deddebiin irratti geessifamaa akka tures jirattoonni ollaa ragaa bahu.

Humni mootummaa halkan edaa ajjechaa suukanneessaa kana raawwachuun booda itti fufiinsaan guyyaa hardhaas jiraattota magaalattii irratti shororkaa banuudhaan, garii namoota maatii kanatti dhiyaatan akkasumaan qabanii hidhaatti darbaa kan jiran ta’uus odeessa argannee irraa hubatuun danda’amee jira.

Aanaa Abunaa Gindabaratiitti miseensota maatii tokkoo dabalatee namoota gaaffii malee ajjeesuun waanuma baratame yoo ta’u guyyoota muraasa dura Aanaadhuma kana Gandoota akka Doggomaa Kibbii haleellaa Dirooniitiin lubbuun namoota nagaa digdamaa ol jumlaan duguugamuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Guutuu Oromiyaa dhiigaa kan jirtu ta’us addatti aanaaleen Gindabarat dirree waraanaa guddaa ta’uu kan dubbatan jiraataan dubbifne, jiraattonni nagaan lafaaf qe’ee ofii irratti, waraana mootummaan duguggaan sanyii irratti geggeeffamaa jiraatus gochi badii meeshaa waraanan uummata kana irratti geeffamu, tasa kan mirga isaa falmachuu irraa duubatti kan isa deebisu miti jedhu.

 Aanaa kanatti gochi badii qaama mootummaan uummata kana irratti dhaqqabsifamaa jiru daran guyyaa irraa hammaataa deemaa jiraachuu isaatiin, Qeerrowwan Aanaa Gindabarat sirna abbaa irree kana buqqisuuf jecha xiiqiin gara Waraana Bilisummaa Oromootti makamaa kan jiran ta’uu maddi Oromia11 dabaluun addeesse jira.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of Mohammed Genemo

Mohammed Genemo

Blogger and Journalis at Oromia11

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu