Naannawaa Hararii Aanaa Shankoor keessatti Lamiileen Nagaa Sababa Oromummaa Isaanii Qofaaf Humnoota Mootumaan Hirarfamaa jiraachuun Dhagahame. 

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Naannawaa Hararii Aanaa Shankoor keessatti dhohiinsa boombii guyyaa 10 dura qaama hin beekamneen rawwatamee hordofee lammiileen Oromoo Magaalaa kana jiraatan irratti xiyyeefatamee miidhamaa jiraachuu Jiraatonni Oromia11’tti himan.

Jiraataan Aanaa Shankoor irraa dubbisne akka jedhetti taatee kana hordofee Poolisiin Bulchiinsa Naannoo Hararii gandoota Aaniichaa hunda irraa lammiilee Oromoo maqaa Waraanaa Bilisummaa Oromoo waliin tahuun gochaa kana rawwaattan jachuun namoota nagaa 20 ol jumlaan hidhuu ibse.

Dhoohiinsi boombii kun gafaa Ebla 27, 2022 kan rawwatame yoo tahu, dhoohiinsa boombii kanaan lubbuun nama tokkoos darbee akka ture kan yaadachiise jiraataan Oromia11 odeeffate. Ergaa gafaa sanii irraa kaasee dargaggoo fi maanguddoon osoo adda hin baasin jumlaan ummata nagaa Oromoo ta’uu isaanii qofaan mana hidhaatti galchuun dararaa jiraachuun himame.

Akka iraataan kun jedhutti namoonni 20 ol ragaa tokko malee julaan qabaman kunneen Magaalaa Harar mana hidhaa Mabraa jedhamu keessatti waantoota bu’uuraa lubbuun jiraachuuf nama barbaachisus kanneen akka nyaataa fi dhugaatii dhorkamuun dararamaa jiraachuu dubbata.  

Namoonni kunneen guyyoota 8 oliif osoo mana murtiitti hin dhiyaatin ajajaa fi murtii mana manaa murtiin malee ajaja Qondaalota Bulchiinsa Naannoo Hararii irraa kennameen to’annoo jala olfaamuun rakkaachaa jiraachuus ibse.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of Mohammed Genemo

Mohammed Genemo

Blogger and Journalis at Oromia11

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu