Duulli qindaahaan kutaalee Oromiyaa guutuu keessatti maqaa WBO balleessina jedhuun gaggeeffamaa jiru jireenya namoota nagaa gaaga’aa jiraachuu kan himan jiraattonni Aanaa Xiyyoo fi Loodeettti hidhattoonni mootummaan Abiy Ahmed bobbaase namoota nagaa hidhuu, qabeenya barbadeessuu fi saamaa jiraachuu himan.
Godina Arsii Aanaa Xiyyoo gandoota gara garaa irraa maqaa Waraana Bilisumma Oromoo adamsuutiin namootni nagaa baay’een qabamanii hidhamuu jiraataan aanichaa oromia11 tti himan.
Jiraataan sodaa nageenyaf maqaan isaa akka hin ibsamne gaafate, namootni kun gandoota aanichaa jalatti argaman keessa gandoota akka Burqaa Cilaaloo, Agootara Alboo fi Bariitii keessatti namoonni hedduun badii tokko malee hidhattoota mootummaan mana jireenyaa isaanii irraa fuudhamuun Magaala Asallaa Wajjira Poolisii Aanaa Xiyyootti hidhamanii jiru jedha.
Haaluma wal fakkatuunis Aanaa Xiyyoo jalatti kan argamtu Ganda Bariitii irraas namootni nagaa 7 shakkii Waraana Bilisummaa Oromoo wajjiin hidhata qabdu jechuun qabamanii Wajjira Poolisii aanaa Xiyootti hidhamanii jiraachuun beekkameera.
Namootni badii tokko malee Gandoota aaniichaa gara garaa irraa Wajjira Poolisii aanaa Xiyyootti hidhaamanii jiran haala hammaataa keessa jiraachuu eeruun hidhamtootni kun hanga hardhaatti mana murtitti kan hin geeffamin tahu dubbatan.
Namoota hidhaman keessaa baay’een isaanii dureewwan maatiifi namoota dalagatanii ofii fi maatii isaanis gargaaraa turaan kan jedhu jiraatan kun haala kufaati dinaggee biyyattii, rakkoo nageenyaan fi qaala’insa jireenyaan maatiin isaanii rakkoo wal xaxaa keessa jiraachuu kaase.
Haaluma wal fakkaatunis Aanaa Loodee Heexoosattii humnootni mootummaa duula labsame hordoofuun Aanichatti bobbaafaman hawaasa nagaa daraaruun cinatti saammicha guddaa gaggeessaa jiraachuun ibsameera.
Oppereeshiini Farra Riphee Lolaa jechuun qindoominni humnootni Mootummaa Federaalaa fi Naannoleetiin Warraanni Guddaan Oromiyaa irratti erga labsame bubbulee jira. Gama biraatiin waraanni Itoophiyaa keessatti gaggeefamaa jiru dhaabbatee rakkoon siyaasaa biyyaatti mariin akka furamu dhaabbaleen gara gara gaafachaa turaniiru.
Darara maqaa WBO balleessuu jedhuun hawaasaa Godinichaa irraatti raawwatamaa jiru gaafachuuf itti gaafatamaa Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaa Godina Arsii Obboo Huseen Guutuu fi Bulchaa Aanaa Loodee Heexoosaa Obboo Jamaal Gannaalee argachuuf yaaliin taasifne hin milkoofne.