Opireeshinii Riphee lLolaa Dhabamsiisuu Maqaa Jedhuun Godina Wallagga Lixaa Aanaa Boojjii Coqorsaatti Dargaggoota lamaafi Godina Arsii Lixaatti Immoo Abbaa ijoolllee lamaa ajjeefamuu Madda keenya iddoodhaa irraa qulqulleeffannee jira.
Dargaggoonni ajjeefaam kunniin tokko nama Motorsaayikiliin hojjatuu Guutuu Baqqalaa jedhamu yemmuu ta’u Motorsaayikilii irraa buusanii akka galaafatan jiraataan nuuti iddoodhaa dubbisne Oromia11tti himee jira.
Dargaggoon Motorsaayikiliin hojjatu kun Maagaalaa xiqqoo Fiigaa Kobbaraa irraa gara Gullisootti osoo Adeemaa jiruu Humnootni Mootummaa kunniin rasaasan akka ajjeesanittuu himame.
Kana malees dargaggoon biraa tokko achummatti kan ajjeefame yemmuu ta’u ammatti Oromia11 Maqaa isaa Adda baafachuu hin dandeenye.
Maqaa Duula Oppereshiinii Riphee lolaa balleessuu kanaan kutaalee Oromiyaa hunda keessatti ajjeechaawan adda adda raawwatamaa kan jiran yemmuu ta’u Guutuun Oromiyaa gara dirree lolaatti galuu isheettu mul’ata.
Bifuma walfakkaatuun Ebla 24/2022 Godina Arsii Lixaa Aanaa Nageellee Arsii’tti ajjeechaan suukaneessaan raawwatamuu Maddeen keenya Garasii Ifoomsanii jiru. Ajjeechaa hammaataan kun waraana mootummaatiin kan raawwatame yemmuu ta’u reebichi cimaanis hawaasa irratti gaggeeffama akka ture maddi kun ni ifoomsa.
Aanaa Nageellee Arsii Magaalaa Nageelle Ganda 03 bakka Addaa Malkaa Shaayee jedhamutti Abbaa ijoollee 2 Obboo kifilee Innikaa nama jedhamu rasaasaan rukutanii yoo ajjeesan nama lama biroo Obboleessa nama ajjeefameefii kan biraa Bunnaa Gamamdaa jedhaman reebicha cimaan irratti raawwatamuutu himame.
Humnoonni Mootummaa reeffa nama ajjeesanii ni qorachiisna jechuun maatii kan dhoorgatan yoo ta’uu namootni miidhaan reebichaa irra ga’e ammoo hospitaala magaalaa Shaashamanneetti yaalamaa akka jiranis ifoomeera