Dubbi himaan humnoota Tigraay gargaarsi nyaataa baay’ee barbaachisaa ta’e naannoowwan beelaan raafamaa jiran akka qaqqabaniif yaadanii Naanno Affaar keessaa guutumatti bahuutti jiraachuu ibsan.
“Humnootni keenyaa guututti Naannoo Affaar gad dhiisanii deemaniiru” jechuun dubbi himan TPLF Obboo Getachew Raddaa Routers himee jira. Haa ta’uutii garuu hanga ammaatti qaamni walabaa ykn midiyaan humnootni Tigraay Naannoo Affaar keessaa bahuu isaanii mirkaneeffate hin jiru.
Komishinarri Poolisii Naannoo Affaar Ahmed Ariif “humnootni Tigray Magaalaa Aba’aala keessaa bahuu ibsanii garuu aanaalee naannichaa 3 keessaa hanga amma jiraachuu dubbatan.
Kana malees hanga ammaatti daandiin guddichi Aba’aalaa irraa Maqaalee geessu humnoota Tigrayiin kan tohatame tahuu Komishinar Ahmed Ariif milishaawwan fi qondaalota gandoota irraa dhagahe jechuun ibseera.
Ibsa humnoota Tigray kana irratti gama mootummaa giddu-galeessaatiin wanti dubbatame hin jiru. Routers dubbi himaa Mootummaa Itoophiya Dr. Leggesee Tulluu qunnaamuuf yaaliin taasise hin milkoofne jedha.
Waraanni Sadaasa bara 2020 kaaba Itoophiya Naannoo Tigraayitti eegale babaldhachuun bara darbe Naannoo Affaaritti ceehuun isaa ni yaadatama.
Gargaarsa namoomaaf jechuun Mootummaan Abiy Ahmed ofumaa isaaf waliigaltee lola dhaabu gam tokkee kan labse yoo tahu humnootni Tigraayis labsichi qabatamaan lafa irraatti yoo rawwatame kan simatu tahuu ibsee ture. Dabalataanis yoo gargaarsi namoomaa gahaan Naannoo Tigraay akka seenu ta’e waliigaltee waraana dhaabu kan kabaju tahu ibsee ture.
Baay’inna ummata naannichaa keessaa dhibbeentaan 90 % yeroo gargaarsa barbaadaa jirutti hanga ammaa garuu gargaarsi naannicha qaqqabe baay’ee xinnaadha. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii guyyatti konkolattoonni gargaarsaa 100 naannicha seenuu akka qaban himee nageenyi dhaabamuu fi seer-maleessummaan ugguramuu gargaarsa namoomaaf sababa tahuu ibsuun ni yaadatama..
Akka ragaan Sagantaa nyaata addunyaa ibsutti erga waliigalteen waraana dhaabu taasifamee konkolaattonni gargaarsaa 144 naannicha kan qaqqaban yoo tahu 74 kan tahu guyyaa kaleessaa Naannoo Tigraay seenan.
Waliigalteen yeroo ammaa humnootni Tigray guututti Naannoo Affaar keessaa bahuun maaliif akka tahe hanga ammatti wanti beekkamu hinjiru. Waraanni kaaba Itoophiyaa lubbuu namoota kumoota hedduun lakkawwaman kan galaafate yoo tahu miiliyona baay’ee qee’erraa buqqisuun naannolee 3 fi biyyaa ollaa Suudaanitti akka baqatan taasiseera.