Ebla 25/2022 Wixata kaleessaa Godina Matakkalitti tarkaafii waraanni Raayyaan Ittissa Biyyaa fudhateen maanguddoon Oromoo tokko yoo ajjeefaman namoonni 215 ol ta’an ammoo juumlaan hidhaatti guuramuu isaanii Oromia 11 odeeffannee jirra.
Godina Matakkalitti bakkeewwan hidhaan juumlaa kun daran itti hamaatee jiru: Aanaa Dibaaxee Magaalaa Gaalessaa, Caancoo, Calliyaa Geeshoo, Qorqaa, Coqorsaa, Giiphoo, Aaddis-Gaaraa bakkeewwan jedhaman keessatti ta’uu jiraattonni nuuf mirkannessanii jiru.
Waraanni mootuummaa shakkii hidhattoota mootummaa morman bosona jiraniif soorata dhiyeessituuf jedhuun, manneen jiraattota Oromoo marsuudhaan saamichaa geggeessuun qabeenya manaa qaban haga hablee shunkurtaan ciratanitti utuu hin hambisiin, saamichi humnaa isaan irraati geggeeffamuu jiraattooni himatu.
Jiraataan Godina Matakkal irraa odeeffanne dabaluun wayita nuuf ibsan weerara hidhaa juumlaaf ajjechaa guyyoota lamaan kana waraanni mootummaa uummata irratti geggeessaa jiruun maanguddoo Obboo Abbooyyee jedhamu manaa gad fuudhanii rasaasaan reebanii yoo ajjeesan, Abbootii Gadaa Matakkal kanneen akka Obboo Oljirraa Dabaloo faa dabalatee namoonni 215 hidhaatti guuramanii jiru jedhe.
Duulli hidhaa juumlaa gaggeeffamaa jiru kun maanguddoota biyyaaf hojjettota mootummaa dabalatee hawwan utuu hin hambisiin hidhaatti guuramaa jiran, namoota deeggartoota mootummaa ta’an osoo hin habisin hidhaa jiraachuun, duula Oromummaa dhabamsiissuutti akka jiran kan agarsiisuudha jedhu.
Keessumattuu hammeenya hidhaa amma Oromoota Matakkal irratti juumlaa geeggeeffamaa jiru kana kan agarsiisu waajjirri poolisaa hundi ega namaan guutameen booda, waktii barnootaatti ijoollee mana barnootaa addaan kuchiisuun mooraan mana barnootaa mooraa mana hidhaatti jijjiiramuu isaati jedhu jiraataan bilbilaan odeeffanne.
Haala qabiinsa hidhamtoota kaneeniin wayita gaafannetti, hidhamatoota hidhaa irraa baasuun huccuu qaama irraa yaasuun reebicha humnaa oliitiin dararmaa akka jiranillee nuuf ibsan.
Xumura irratti jiraattooni Oromoo Matakkal sagalee uummata kana ukkaamsuuf mootummaan interneeta naannichaa ballessuun duguuggaan sanyii nu irratti geggeeffamaa waan jiruuf,ummanni Oromoo keessaaf ala jiru hundi sagalee nuuf ta’aa jechuun dhaammatanii jiru.