Jiraataan aanichaa akka jedhutti haleellaan xayyaaraa eegaluun duratti wal-waraansa jabaa ganda Doggomaa Kibbii jedhamutti Waraana Bilisummaa Oromoo fi hidhattoota mootummaa gidduutti geggeefamaa turuu nuuf himanii jiru.
Aanaan Gindabarat Nannoo Amaaraa Godina Gojjaamiin kan wal daangessitu yoo taatu hidhattoonni Amaaraa fi humnootiin Faannoon sababa daangaa lafaa babaliffannaaf jecha, lubbuu nagaa balleessuu.qabeenya ummataa saamuuf mancaasuu irra deddeebiin raawwataa turanii jiru.
Daangaa finxaaleyyiin Amaaraa Oromoo irraa dhiibaa turan ganda Doggomaa Kibbii iddoo addaa Maartaa jedhamu tahuu kan nuuf himan jiraataan naannichaa odeeffanne, hidhattoonni mootummaa Waraana Bilisummaa Oromoo bakka kana qubatee jiru irratti dhukaasa banuun booda,reeffi waraana mootummaa hedduun xayyaaraan guuramaa akka turani kaasanii jiru.
Ganda Doggomaa Kibbiittii waraanni mootummaa kasaaraa lubbuu kafaluun booda,haleellaa xayyaraa guyyoota lamaaf walitti fufiinsaan geggeesseen lubbuu ummata nagaa heeduun baduu,qabeenyi jiraattotaa tilmaamuuf nama rakkisu barbadaa’ee jirachuu himu
Jiraatanni naannoo sanaa arganne dubbifne akka jedhutti kaleessa irraa eegalee hanga hardhaatti xayyaarri waraana naannicha marsuun uummata shorokeessaa jirachuu nuuf himee jira.
Aanaa Gindabaratti ummanni sababa waraanni irratti geggeeffamaa jiruun ajjechaawwan isa irratti raawwatame akka akka hin dhagahamneef interneetni naannichaa guutummaan guututti irraa cufamee jira. Namni qabamee hidhamuun carraa guddaa ta’uufi humnoonni mootummaa akka dur nama hidhuu dhiisanii gaaffii malee kan nama ajjeessan ta’uu himatu.