Duula Maqaa Riphee loltoota balleessuuttiin Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee Ganda Gaara Diimaatti bobba’een Maanguddoo dhukkubsataa sireerra ciisu dabalatee namni sadi du’uu, hedduun madaa’uufi akkasumas hedduun immoo dhabamsiifamu maddeen Oromia11 mirkaneessan. .
Akka jiraatan Gandicha irraa odeeffanne himutti Ganda Gaara Diimaatti Lola Hawaasa nagaa irratti Guyyaa dheengaddaafii kaleessaa baname kanaan, Gaafa Kamisaa (Ebla 22/2022) Maanguddoo Waggaa 80 Abdullaa Jaldoo Jedhaman Dhukkubsataa sireerra ciisu ajjeefamuu hima. Maanguddoon kun gargaarsa namootaan kan sosocho’u ta’uu kaasuun haa ta’uutii guyyaa kana namootni arma dura isa gargaaran lubbuu ufii baraaruuf jecha lola itti banameen yemmuu biraa baqatan Waraanni Mootummaa Maanguddoo kana bifa suukaneessan Sireerratti itti seenuun ajjeesuu odeefanne.Lolli kun hawaasa nagaa kana irratti kan banameef WBO isin keessa jiraa baasa Isa jedhu akka ta’e kan himu jiraatan kun guyyuma kana Namoonni biroo lama rasaasan madaa’uufii kanneen Akka Ibrahim Hammee, Duulaa Ahmed, Zinabuu Ijjiguufi kanneen biroo hedduu achi buutee isaanii dhabamsiisuu hima. Lolli kun guyyaa kaleessas Saatii 10 irraa kaassee kan itti fufe yemmuu ta’uu Alii Umareefii Rabii Nama jedhaman galaafachuu hima.
Bifuma wal fakkaatuun Oromiyaa kutaalee garaa garaa keessatti ajjeechaan suukaneessan Waraana mootummaan gaggeeffamaa jiraachuu irra deddeebiin hawaasni himachaa kan jiru yemmuu ta’u Achuma Aanaa Ollaa Aanaa Fantaallee kan taatee Aanaa Booset keessattis Guyyaa kamisaa namoota hir’ina qalbii qaban dabaltee Lubbuun Namoota 8ttii Waraana mootummaatiin rashanamuun Niyaadatama.