Guyyaa Kamisa dheengaddaa Ebla 22/2022 haleellaan Diroonii hawaasa nagaa irratti xiyyeefate Godina Shawaa Lixaa Aanaa Abunaa Gindabarat Ganda Doggomaa keessatti raawwatamuu jiraatonni Oromia11’tti himan. Haleellaan kun raawwatamuun dura Helikoopterri waraanaa naannicha marsaa turuu kan himan maddeen, gara galgalaa Ganda Doggomaa Kibbii jedhamtutti yeroo lama haleellaan Diroonii raawwatamuu ibsan.
Maddeen waraana naanichaa immoo Hilikooftarri Qondaala Waraana Mootummaa tokko irratti haleellaa Waraanni Bilisummaa irratti raawwateen miidhame kaasuuf kan dhufte ta’uu eera. Akka maddeen waraanatti halleellaan Diroonii kisaaraa lola lafoon isaan mudate haaloo bahuuf jumlaan ummata nagaatti abidda Dirooniidhaan akka itti roobsan addeessa.
Haleellaa Diroonii kanaan guutuutti uummanni nagaa miidhamuufi yoo xiqqaate lubbuun namoota 15 darbuu, horiifi midhaan dabalatee qe’ee fi qabeenni hawaasaa manca’uu maddeen naannichaa Oromia11’f ibsan.
Haleellaa raawwatameefi lola tibbanaa hordofee gandoota Doggomaa Kibbii fi Doggomaa Yagoot jedhaman keessaa, uummanni buqqa’ee bosonatti baqatee jiraachuunis baramee jira.
“Waraanni mootummaa qe’ee keenyatti nufixaa jira, gama daangaa Naannoo Amaaraatiinis Milishaa Faannoo nutti bobbaasaa jira” jedhan jiraattonni Aanichaa Oromia 11 odeefate, Oromoon marti hawaasa qe’eesaa irratti dhumaa jiru kanaaf sagalee akka ta’u gaafataniiru.
Gindabaratii fi Abunaa Gindabarat dabalatee, Aanaalee Godina Shawaa Lixaa, Shawaa Kibba Lixaa fi Salaleetti itti fufiinsaan lolli deemaa jiraachuus himama.