Pireenzaandiin Yukreen Zeleniskiin Guyyaa Roobii ibsa laataniin qumsuma 934 kan loltoota Raashiyaan too’atamanii turan bilisoomsuun yeroo ammaa iddoowwan kun suuta suutaan gara haala idilee isaatti deebi’aa jiraachuu himan.
Ibsa Viidiyoon laatan kanaan, Zeleniskiin iddoowwan bilisooman 934 keessaa 435 keessatti Poolisiin hojii isaa kan eegale yoo ta’u, 431 keessatti bulchiisi mootummaa eegaleera akkasumas hojiin deeggarsa namoomaa iddoowwan 361 keessatti wirtuu isaanii bananii jiru jedhan. Itti dabaluunis Mootummaan Yukreen adeemsaan tajaajila yaalaa, barnootaa fi eegdoo hawaasaa deebisee diriirsaa jira jedhe.
Walgeettii Pireezdaantii Gamtaa Awurroophaa Charles Michael waliin guyyaa Wixata darbe Magaalaa Keeviitti taasisan kaasuun, mariinsaanii hunda-galeessaa fi bu’a qabeessa dha jedhan.
Tartiiba Miseensa Gamtaa Awurooppaa ta’uu fi deeggarsa qabatamaa Gamtichi Yukreeniif taasisu, keessumattuu dhimma Ittisaa, Diinagdee, Qoqqobbii fi Yukreeniin deebisanii ijaaruu faa akka ta’e dubbatan.
Yukreeniin Gamtaa Awuroppaatti makuun walqabatee “ Kun Yeroo Seena qabeessaa fi ariitiidhaan miseensummaa Gamtichaa kan itti raawwachuu qabnu dha. Yukreenii fi Dhaabbileen ishee Waraana dandamachuu akka danda’an kana durayyuu mirkaneessinee jirra “ jedhan.
Yukreen Qoqqobbii Federeeshina Raashiyaa Sababa Weerara isaan irratti banteef jabeessuu saganteefachuu ibsan. “ Sagantichi Seektara Madda Annisaa daangessuu, Baankii, Meeshaalee Ala-ergiifi alaa galchuu fi geejjiba daangessuu ammata “ jedhan.
Faalla kanaan ammoo Raashiyaan Magaalaa Maaripooliin guutuumaa guutuun to’achuu beeksifteetti. Ministirri Ministeera Raayyaa ittisa Biyyaa Raashiyaa Sargeey Shooyguu akka ibsanitti, buufata waraanaa Raashiyaa kan taatee magaalaan Maaripool guutuumaa guutuun to’achuu Preezdaantii Vildaamiir Puutiiniif ibsaniiru.
Haa ta’uu malee loltoonni Yuukreen kumni 2 ol ammallee dhiheenya Magaalichaatti kan argamu warshaa sibiilaa Azoovsititaal keessatti dahachuun waraanaa jiraachuu ibsameera.
Raashiyaan Baatii Bitootessaa yeroo jalqabaatiif magaalaa Maaripool wayita to’attu loltoonni Yuukreen, loltoonni alaa mindeeffamoo fi hidhattoonni biyyoolessaa kumni 8 fi 100 magaalitti dahatanii akka turan hubachiisaniiru.