Duula Maqaa Sakkatta’iinsa WBO jedhamuun Bobba’een Godina Wallagga Bahaa Aanaa Giddaa-Ayyaanaatti Dilbata darbe dargaggoota sadi ajjeesuun daandiirratti gatuu jiraatonni himan.
Wallaga Bahaa Aanaalee hedduu keessatti ajjeechaa, qe’ee irraa buqqisuu, saamuufi, qabeeya ibiddaan barbadeessuun humnoota Faannoo Amaaraafi Mootummaatiin gaggeeffamaa kan jiru yemmuu ta’u Dilbata darbes bifuma arma dura ta’aa tureen Aanaa Giddaa Ayyaanaa Ganda Konojjii Jedhamutti dargaggooni kunniin rasaasa Humnoota Mootummaatiin rashanamuutu himame.
Jiraataan Oromia11 odeefate akka jedhutti, Dilbata Darbe ( Ebla 17/2022) ganama barii saatii 12tti waraanni maqaa Oppereeshiiniitiin WBO balleessuuf bobbaafame dargaggoota nagaa sadi ajjeesanii biraa deemuun hawaasni daandii irraa kaasee awwaaluu addeessee jira.
Aanaa Kiramuufi Giddaa Keessatti badiin hammaataan ajjeessuu, Buqqisuu, Qabeenya abiddaan barbadeessuu kun hammaachuu kan hime jiraatan nuuti odeeffannee, Uummati keenya Miidhaa karaa lamaan isanirra gahaa jiru kana qaama itti himatuufi isaa birmatu dhabuun du’aafi jireenya gidduu bibir’achaa jiraata jedhan.
Yakkoota sukkaneesso humnoota mootummaatin hawaasicha irra qaqqabaa jiruun cinaattis humnootni finxaleyyii Amaaraa haaluma kutaalee Oromiyaa birootti daraara rawwaachaa jiran aanaawwan Godina Wollaggaattis ajjeechaa ,saamicha rawwacha jiraachus himatan.
Aanaa Kiiramuu fi Aanaa Giddaa-Ayyaanaatti hidhattoonni Amaaraa kun qotee bultoota lafa irraa buqqisuun saamicha lafaa haala qindaaheen raawwataa jiraachuus jiraataan aanicha irra odeeffanne nuf eere jira.
Ajjeechaa fi dararaa humnootni mootummaa fi hidhattootni Amaaraa Godinichatti namoota nagaa irratti raawwachaa jiran akka dhaabbatuuf tarkaanfiin fudhatame jiraachuu gaafachuf Qondaala caasaa bulchiinsaa fi nageenya Godina Wallagga Bahaa Obboo olii dubbisuuf yaaliin taasifne hin milkoofne.