Humni Finxaaleyyii Faannoo Amaaraa Shawaa Bahaatti Ambulaansii Gubee Barbadeessuun Miidhaa Namoota Irraan Gahe.
Waajirri Komunikeeshiinii Godinichaa akka ibsetti Ambulaansiin Godina Harargee Bahaa Aanaa Gursum irraa gara Adaamaatti imalaa jirtu guyyaa kalleessa halkan keessaa sa’aati 5:00tti humna Fiinxaleeyyii Amaaraa Faannoo gubachuun tajaajilaan ala ta’e jira.
Humni kun Godina Shawaa Bahaa Aanaa Boosat Ganda Qaawwaa bakka addaa Hayaa Boolee jedhamutti namoota Ambulansii keessaa jiran 4 keessaa 2 irratti miidhaa salphaa geessisee Ambulaansicha immoo gubee jira. Namoonni miidhaan irra gahe lubbuun hafuun hospitaalaa Adaamatti yaalamaa jiru.
Finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoo ofiin jedhan halkan dawoo godhachuun of ijaaree gurmaa’uun meeshaa gurguddaa hidhatee yeroo gara garaa qaama nageenyaa fi Hawaasa irratti ajjeechaa lubbuu, saamicha fi hanna irratti bobba’ee gufuu nageenyaa fi misooma ta’a jira jedhe ibsi kun.
Humni kun yeroo darbee Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee Ganda Xuxxuuxii bakka addaa Qorkee jedhamutti Milishoota hojii nageenyaaf socho’aa turan irratti badii hammeenyummaa dhaqqabsiisuu isaa ni yaadatama jechuun Waajirichi ibseera.
Waajirri Komunikeeshiinii Aanaa Gursumiitis yaada walfakkaataa karaa Marsaa Hawaasaa kan ibse yemmuu ta’u Ambulaansiin Godina Harargee Bahaa Aanaa Gursum irraa gara Adaamaatti imalaa jirtu guyyaa kalleessa halkan keessaa sa’aatii 5tti humna Fiinxaleeyyii Amaaraa Faannoo jedhee of yaamuun gubachuun tajaajilaan ala ta’e jira jedhe.
Humni kun deeggarsa Mootummaa Naanoo Amaaraatiin Oromiyaa Godinaalee akka Shawaa Bahaa, ,Shawaa Kaabaa, Shawaa lixaa, Godinaalee Wallagga afran, Matakkaliifi Godina Adda Walloo keessatti weerara raawwachuun ajjeechaa, saamichaafi qabeenyaa gubuun haalaan cimaa dhufee jira.
Dhiheenyuma kana Shawaa bahaa Anaaa Fantaallee Ganda Xuxxuuxxii keessatti Milishoota 27 oli kan ajjeesan yemmuu ta’u Shawaa Kaabaa Aanaa Qimbiibiti keessatti lafa hektaara 280 saamuun Waaraannni Naannoo Amaaraa Irra qubsiifamuu Hawaasniifii Anga’oonni Aanichaa himanii turan.
keessattuu Godinaalee Akka Wallagga Bahaa, Horroo Guduruu Wallagaafi Shawaa lixaa keessatti humnootni kun lubbuu balleessuufi Qabeenya Gubuu ykn Saamuu isaanii Hawaasni Yerooo gara garaatti himataa kan ture yemmuu Mootummaanis gocha kana Aanaa Kiiramuu keessatti raawwataa jiraachuu ragaa bahee jira.
Humna hidhateefi Faannoo Jedhamu kana Mootummaan Naannoo Amaaraa hidhannoo hiikkachiisuuf fedha akka hin qabneefi akka gaachana Uummata isaaniitti kan ilaalu ta’uu yeroo gara garaatti ibsaa ture.
Torbaan Kanas Lolli Humnootni Faannoo Jedhaman bananiin Godina Adda Oromoo Wallootti lubbuun Namoota 10 olii darbuu qabeenyi saamamuu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.
Godina Addaa Oromoo Wolootti bulchaan Aanaa Jiillee Dhummuggaa Obboo Umar “Lola kanaan Gandoota akka Muxxee Facaa, Xuquree,Wadaawoofi Wasan Qurqur keessaa Yoo xiqqaate namoonni 3000 ta’an buqqa’uu 10 ajjeefamuufi 40 kan caalan madaa’uu BBCtti himanii turan. Itti dabaluunis Humni Faannoo kun Humna Addaafi Poolisii Federaalaa caalee argamee jiras jedha.
Haa ta’uu malee jiraattootni Nuuti naannicha irraa dhimma kanaaf odeeffataa turree Walta’iinsa Humnoota Faannoofii Mootummaa Naannaoo Amaaraafi Affariin gochi hammeenyaa kun irratti gaggeeffamuu himatu.