Dhalattoonni Oromoo Kanneen Naannoo Somaalee irraa Buqqa’anii Godina Addaa Qubsiifaman Rakkoo hamaa keessa jiraachuu himatan.
Rakkoo tana ji’ootaaf qaamolee dhimmi ilaallatuutti iyyachaa kan turan ta’uu eeruun, haa ta’uutii ammallee furmaata osoo hin arkatin haala hammaataa keessa jirra jedhan.
Jiraattota Bulchiinsa Godinichaa, Burraayyuu fi Sabbataa qubsiifaman keessaa kanneen bilbilaan dubbifne haala ammaa keessaa jirru kanaan yoo dagatamne lubbuun jiraachuun keenya akka malee nu yaadeesse jedhu.
Lammiileen kun akka ibsanitti erga qabeenya isaanii saamamuun Naannoo Somaalee irraa buqqa’uun Godina Addaa Naannawa Finfinnee qubsiifamanii kaasee hojiin dhaabbataa akka argataniif gaafachaa kan turan tahuu ibsan. Iyyaanni isaanii bakka waan dhabeef hanga waggaa lamaa eegattummaa jalatti kufuun dararamaa turree jedhu.
Xiqqaattùus Waggaa lamaaf gargaarsi karaa mootummaa fi Hawwaasa Oromoon godhamaafi kan ture ta’uus addeessan, gama biraatiin immoo yeroo gara garaatti akka nuti bakka amma jiraachaa jirru kana dhiifnee deemnuuf dhiibbaan nurratti raawwatamaa ture jedhu.
Karaa danda’ame hundaan hiyyummaa keessatti kufne kana injifaachuuf yeroo dheeraaf hojii humnaa garaa garaa irratti boobbaanee uf jiraachiisaa turre kan jedhan lammiilee kunneen, haa ta’uutii garuu amma sababa halii nageenya biyyattii akka malee jijjiiramee fi qaala’insa jireenyaa akka malee ol ka’eef hojiin hedduun dhaabbachuu ibsan. Kun immoo rakkoo hamaaf nusaaxile jedhu.
Itti dabaluunis gargaarsi Hawaasa Oromoon nuuf godhamaa turees ni dhabaate, yeroo amma keessa jirru kanatti nama rakkoo keenyaaf xiyyeeffannoo keennee akka hojii dhaabbataa arkannee hiyyummaa jalaa baanu nu gargaaru barbaannas jedhu
Harki caalaan isaanii Abbootii maatii waan ta’aniif ilmaan keenya waan nyaachiifnu dhabnee dandii irratti bahuun waan ardha nyaannee bullu kadhaachuuf dirqamne jechuun miira gaaddaan himatu..
Xumura irratti adeemsa hanga ammaa tureen furmaata qaama Mootummaa irraa abdii kutachuu eeruun ilmaan Oromoo iddoo jiran hundaa akka rakkoo isaanii kanaaf tumsan gaafatanii jiru.
Lammiileen Naannoo Somaalee irraa buqqa’anii Bulchiinsa Magaalaa Galaan, Magaalaa Sabbataa, Sulultaa, Laga Xaafoo, Duukamii fi Buraayyuu keessa qubsiifaman rakkoo beela wal fakkaataan dararamaa akka jiran oromia 11 yeroo garaa garaatti dubbisuun gabaasaa turuun ni yaadatama.