Kallattiiwwan 3 hidhattootni naannoo Affaar, Humna Addaa Naannoo Amhaara fi hidhattoonni Faannoo wal tahiinsaan hawaasa Oromoo Walloorratti weerara cima gaggeessaa jiraachuu Oromia 11 jiraattota dubbisuun mirkaneeffateera.
Lolli kallattii garaa garaatiin Humna Naannoo Affariifi Mootummaa naannoo Amaaraa Humna Faannoo jedhamu dabalatee gaggeeffame kun Aanaa Baatee torbee darbe irraa kaasee bifa addaatiin cimee jiraachuu jiraatan odeeffanne himee jira.
Guyyaa kaleessaafi dheengaddaa lolli qindaa’aan kun Aanaa Baatee Gandoota akka Sallaaxxee,Qilahaa, Burree Fallanaafi Gandoota hedduu biroo keessatti lola meeshaa gurguddaa fayyadamuun Humni Naannoo Affaar walta’iinsa humnoota Naannoo Amaaraa wajjiin godhan kanaan Ganda Burree irraa namni tokko(1) Sallaaxxee irraa namni tokko fi namni Afur immoo madaa’uu hime.
Kana malees humnootni Naannoo Affaar fi Mootummaa Naanoo Aamaaraa Faannoo dabalatee Aanaadhuma kana ganda Qilahaa-Jaanjiroo Jedhamutti Masjiida gubuun Namni tokko du’ee hedduun madaa’uu namni nuuti odeeffanne mirkaneessee jira.
Aanaa Jiillee Dhummuugaafi Sanbatee iddoo Wosan-Qurqur jedhamuufi Koloolsoo jedhamutti Lola Qaamoonni kun walta’iinsaa bananii turan Hooggantootni Mootummaa Godinichaa finxaaleyyiidha malee Mootumaa miti jedhanis Mootummaan Naannoo Amaaraa Humna Addaa Naannichaafii Faannoo guyyaa kaleessa Konkolaataan fe’ee achitti buusee lola qonnaan bultoota Oromoo irratti banuu hima.
Lola Cimaa Guyyaa kaleessa humnootni kun hawaasa nagaa irratti bananiin Jiillee Dhummuugaatti namni 6 du’uufii 9 oli madaa’us Jiraattota naannichaa irraa dhageenyee jirra.
Gochi hammaataan kun osoo gaggeeffamaa jiruu Qaamni Godinichaafii Aanaalee bulchan Lolli Qaama mootummaan gaggeeffamu Waan hin jirreefi Dubbii oo’isuu dhabaa jedhanii beeksisa baasaanii akka jiranus hima.
Akka jiraattootni nuuti odeeffanne himanitti Pooolisoonni federaala Lafa Oromoonni irratti Lolaamaa jiru san dhufanii lolicha giduu seenannii turanis Oromoota achii iddoo gadi dhiisisanus Humnootni Lola banan kun Humna dabalataa iddichatti deebisanii Waan qubsiisaniif kun nun laallatu jedhanii gidduudha akka bahanis hima.
Humni kun halkan edaas waarii gara naannoo Saatii 4tti Magaalaa Kamisee karaa harbuutiis seenuun namoottan halkan masjiida keessaa salaataa turanirratti Dhukaasa bananii Uummata akka baqachiisanis hima.
Odeeffannoo Jiraataa godinichaa irraa Oromia 11 Odeeffate kanaan Hanga ganama har’aatti Lubbuun Namoo 9 olii darbuufii akkasumas danuu kan madaa’an yoo ta’u ammas Kallattii garaa garaatiin lolaaf qophaa’anii jiraachuu isaanii hime.
Hanga Ammaatti dhimma kanaan walqabatee Ibsi karaa mootummaa Naannoo Amaaraafii Naannoo Oromiyaatiin ykn immoo Mootummaa Federaalaa irraa Kenname Kan hin jirre yemmuu ta’u, waggaa tokko dura duula bifa walfakkaataan Humni Addaa Amaaraafi Faannoon walta’iinsaan oromoota Walloo irratti raawwatan bakka bu’oonni godinichaa mana maree ummaatti duguuggaa sanyii qindaawaa Oromoo lafa sana irraa dhabamsiisuun lafa dhuunfachuun akeekate jechuun ibsuun isaanii ni yaadatama. Gama biraatiin Vidiyoowwan garaa garaa fi bareeffamoota karaa miidiyaa hawaasaa garaa garaa irratti humnootni weerara raawwatan kunniin gochaawwan jalqaban kana cimsanii akka itti fufan dhaadannoo adda addaa dhageessisaa jiru.
Guyyaa arras lolaa ummataa Oromoo nanniicha irratti banameen kamisee Anaa baatee keessatti lubbuun nama lamaa dabruu yoo himamu Achuma Anaa jillee dhumugaattis luubbuun namoota lamaa dabruun 6 amma madaa’uun ibsaame
namoonni jahan 6 mada’an yeroo ammaa Buufata Fayyaa Ganda Baxxeetti Gargaarsi yaala godhamaa fi akka jiruu maddeen keeyna irraa odeeffannee jira
Halli ummanni kun keessaa jiru akka malee hammachaa kan jiru yoo ta’uufi hidhaattoonni kunneen namoota ga’eessa bira dabruun daa’imman loowwan egaan irratti gochaalee sukanneessaa garaa garaa raawwachaa jiraachuu himuu
Xumura irrattis Oromoota Walloo irratti kan rawwatamaa jiru duguuggaa sanyii Oromoo lafaa isaa irraa balleessuu waan ta’eef Oromoon bakkaa jiruu hundaa ummata kanaaf sagalee tahuun karaa mootummaan rakkoon waggootaaf jabaatee itti fufaa jiruu kun akka furmaata arkkatuuf dhiibbaan akka godhaamu dhaamatu