Humnoonni Naannoo Affaar Godina Addaa Oromoo Wolloo Aanaa Baateetti haleellaa dhalattoota Oromoo irratti rawwataniin namoota 2 kan ajjeessan yoo tahu, Hidhattoonni Faannoo Amaraas Aanaa Jiillee Dhummugaatti namoota 2 ajjeessuun barame.
Humnooni Naannoo Affaar Aanaa Baatee Gandoota Aaniichaa lama (Ganda Gurreefi Salaxxee) keessatti Qonnaan Bultoota Oromoo irraatti dhukaasa banuun namoonni lama battala saniitti lubbuun kan dabran yoo tahu namni tokko immoo kan madaa’e ta’uu Oromia11 jiraattota irraa odeefatee jira.
Bifuma walfakkaatuun Aanaa Jillee Ganda Wasan-Qurqur jedhamutti Hidhattoonni Faannoo haleellaa dhalattoota Oromoo irratti raawwataniin nama 2 ajjeessuu namni Oromia11 odeessa kenne kun ibsee jira.
Jiraattooni Oromia11 dubbise “ hidhaannoo keenya kan diina ittiin ufirraa ittisaa turreen, maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdan jedhuun mootummaan dirqamaan nuhikaachisuun yeroo ummanni keenya harka qullaa jiru kanatti Humnoonni Affaariifi Faannoo Amaaraa guyyaa guyyaan haleellaa nurratti rawwachaa jiran” jedhu.
Ajjeechaan Aanaa Baatee kun gaafa Ebla 10 bara 2022 kan raawatame yoo tahu ajjeechaa kanaan duras Aanaa Jillee Dhummugaa, Aanaa Dawwee fi Aanaa Baatee keessatti manneen Oromoo fi qabeenya isaanii ibiddaan barbadeesuun qamoolee hidhaannoo qaban kanaan rawwatamaa turuu fi ammallee gochaaleen akkasii kun itti fufee jiraachuun himan.
Rakkoo ajjeechaa lubbuu fi barbada’uu qabeenya guyyaa guyyaan dhalattoota Oromoo irraatti xiyyeeffaatamuun rawwatamu kana irratti mootummaan akka nama waan takkaa hin dhaga’iniitti gurra cufatee nurratti ilaaluutti jira jedhan jiraattonni Oromia 11 dubbise. Inumaahuu humnoota Naannoo Affaariifi Faannoo Amaaraa kana ufirraa ittisuuf dhukaasa yoo bantan meeshaaleen keessan hanga harka keessan irratti hafe isin irraa fudhama jachuun dorsisaa akka jiran himu.
Sababa kanaan ummanni Aanaa Baatee Gandoota akka Gurree, Salaaxee, Fallaana fi Ganda Coqorsii jedhaman keessa jiraachaa turan qa’ee fi qabeenya isaanii dhiisuun baqachaa akka jiran ibsan. Namoonni kunniin harki guddaan qotee bultoota waan ta’aaniif qe’ee isaanii irraa buqqahuu wajjiin rakkoo garaa garaaf saaxilamuun dararamaa jiraachuu kan himu jiraataan sodaa nageenyaaf maqaansaa akka hin eeramne gaafate kun akkasumas humnooni Faannoo Amaaraa Aanaa Sanbatee fi Aanaa Jiillee Dhummugaa keessatti gochaalee sukanneessaa garaa garaa raawwachaa akka jiran ibse.
Qonnaan Bultoota Oromoo fi Humnoota Faannoo Amaaraa jiddutti yeroo walitti dhukaasuun eegalamu Qamooleen Federaalaa jiddu seenuun akka nama nagayaa buusuu fakkeessuun ummata Oromoo kan lubbuu isaa if olchuuf jacha rasasa tokkicha qabuun diina dura dhabachaa jiru kana akka reeban himan.
Dhuma irrattis “Mootummaan Itoophiyaa lola Naannoo Tigraay dhaabee yeroo amma fulaa isaa Oromoo fi Oromiyaa irratti deefachuun maqaa Waraana Bilisummaa Oromoon balleessa jedhuun socho’aa waan jiruuf ummanni Oromoo bal’aan bakka jiru hundaa tokkummaan dhabbatee akka quba nuqabaatufi sagalee keenya adunyaa irratti akka nuuf dhageessisu dhammanas” jedhan.