Ibsa Ebla 8/2022 karaa dubbi himaa Ministeera Haajaa Alaatiin kennameen, Mootummaan Ameerikaa Gaaga’amni fi miidhaan aangaa’oota Mootummaa Naannoo Amaaraatiin Naannoo Tigraay keessatti ummata irratti raawwatamaa jiruu fi gaaga’amni gabaasa dhaabbileen lama (Hiyuumaan Raayitis Wachii fi Aminstii intarnaashinaal) waloon baasan dabalatee haalli naannicha keessa jiru akkaan nuyaadessaa jira jechuun gad-jabeesani himan. Keessumattuu qorannoo kana keessatti Saba qulqulleessuun raawwatame nama dhukkuba jechuun balaalefateera.
“Lixa Tigraay keessatti namoonni kumoota hedduun lakkaawaman haala lubbuu saaniif sodaachisaa ta’e keessatti hidhamanii akka jiraniis dhagahuutti jirra ja’a. Namoonni hidhaman kunneen ariitiin akka gad lakkifamanii fi qaamni dhimmi ilaalatu dhaabbileen idil addunyaa haala manneen hidhaa sanaa irratti hordoffii taasisuuf akka aanjessan gaafanna. Ijannoon keenya eenyuunillee haa ta’u qaamoleen yakkoota sana keessatti qooda fudhatan akka itti gaafatamaniifi kunis furmaata waaraa rakkoo sanaa akka ta’uufi dha” jedheera ibsichi. Itti dabaluudhaanis Mootummaan Itoophiyaa Ogeeyyota Komishinii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan haala dhiittaa mirga dhala namaa Itoophiyaa qorachuuf ramadamaniif haala akka mijeessanis gaafataniiru.
“Itti fuufiinsa gaaga’ama namoomaa hubachuun walwaraansi akka dhaabbatuuf jala murree gaafanna. Deeggrsa namoomaaf jecha tarkaanfii waraana dhaabuu mootummaa Itoophiyaa fi kan Naannoo Tigraayiitiin labsame gad jabeesinee deeggarsa. Deeggarsa lubbuu baraaruutiif meeshaaleen jalqabaaf gara naannichaatti fe’ames gammachuun simanna. Labsii kana itti fuufsisuun kanneen lola kana keessatti hirmaannaa qaban hundinuu walitti bu’iinsa dhaabuun dhiibbaa mirga namoomaa fi gaaga’ama lammiilee nagaa xumura akka itti godhan gaafanna.”
Mootummaan Ameerikaa Humnoota Alaa kan Itoophiyaa keessa jiran biyyattii gad dhiisanii akka bahaniifi Mootummoonni Naannolee Humna Nageenyaa isaanii Naannolee ollaatti bobbasan akka baasan irra deebiin yaachicha dhiheessee jira.
“Ammas irra deebi’uudhaan qooda fudhattoonni hundi tarkaaffii barbaachisoo fudhachuun walitti bu’iinsa kana akka dhaaban, deeggarsi namoomaa danqaa fi daangaa malee akka dhaqqabu, Qorannoo Iftoomina qabu dhiittaa mirga namaa fi miidhaawwan qaamolee hundaanuu raawwataman irratti akka taasifamuu fi waldhibdeen Itoophiyaa keessatti mudate karaa mareen akka xumuramu gaafanna.” jechuun ibsa isaanii guduunfanii jiru.