Boojjii Coqorsaatti Dargaggoonni Lama Ajjeefaman.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Guyyaa Kibxata dheengaddaa Ebla 5/2022 Wallagga lixaa Aanaa Boojjii Coqorsaa keessatti tarkaanfii Waraanni mootummaa fudhateen dargaggootni 2 ajjeefamuu maddeen OROMIA11 addeessanii jiru.

Waraanni mootumma gaafa Ebla 5/2022 duula riphee loltoota dhabamsiisuu jedhuun jiraattoota  aanichaa irratti midhaa hedduu qaqqabsiisuu kan himan maddi Oromia11, duula kana keessatti dargaggoo Dastaa Hambisaa fi Hirphaa Yaadasaa Shanee waliin hariiroo qabdu jechuun mana jireenya isaanitii gad fudhaamanii rasaasaan kan reeban ta’uu addeesse.

Waraanni mootummaas dargaaggoon kun du’e jedhanii dhiisanii kan sokkan yoo tahu haata’uutii garuu dargaaggoo Dastaa Hambisaa yeroodhaaf lubbuun kessaa ture, ta’us garuu midhaa irra qaqqaabe irraa dandamachuu waan dadhaabeef Eebla  6/2022 boqachuun ibsamee jira.

Guyyama wal fakkatu Ganda Innaangoo Koobbaraatti dargaaggoo Hirphaa Yaadataas waraanni maqaa opireeshinii jedhuun naannichatti bobbaafame haala sukkaneessan ajjeessuu maddi kun ni dubbata. Labsii waraanaa kanaa hordofee, keessumaa torban lamaa as dararaan uummata nagaa mudatu hammaateera jedhame.

Dargaaggoon Dastaa Hambisaa nama haadha warraa fi daa’ima qabu yoo ta’u, Hirphaafi Dastaanis sochii siyaasaa kam keessattiyyuu hirmaannaa kan hin qabne akkasumas hawaasa keessatti jaalala kan qaban ta’uutu himame.

Ajjeechaan lammiilee nagaa, manneen jiraattotaa gubuufi saamichi taateewwan waraana mootummaan bobbaasuun guyyaa guyyaan raawwataman ta’uu kan himan jiraattonni, tarkaanfiin waraana mootummaa yeroo mara uummata nagaa irratti kan fuulleffate ta’uun rakkoo nu muudate hammeesseera jedhan.



Kana malees Godina Wallagga Lixaa keessatti torbaanota lamaa as waraanni mootummaa maqaa riphee Lolaa balleessuu’ jedhuun namoota nagaa hedduu ajjeesuun kan duraanii caalaatti hammaachuu jiraattonni ni dubbatu. Oduu keenya kaleessaa keessattis achuma Wallagga Lixaa Innaagoottis dargaggoo Zalaalam Malakuu haaluma walfakkaatuun ajjeefamuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Ajjeechaa dargaggoota kanneenii fi miidhaa maqaa riphee lolaa balleessuu jedhuun ummata nagaa irratti gaggeeffamaa jiru qulqulleefachuuf Itti gaafatamaa Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenya Godina Wallagga Lixaa Obboo Dhaabaa Olaanaa dubbisuuf yaalin taasifne hin milkoofne. Yaada gama mootummaatiin jiru akkuma arganneen kan isniif gabaafnu ta’uu asuumaan isin beeksifna.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

1 thought on “Boojjii Coqorsaatti Dargaggoonni Lama Ajjeefaman.”

  1. Good ѡeb site you’ve got herе.. It’s һard to find good quality writing
    like yours nowadays. I really appreciatе individuals like you!
    Take care!!

Comments are closed.

Picture of Mohammed Genemo

Mohammed Genemo

Blogger and Journalis at Oromia11

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu