Wallaga Lixaa Aanaa Boojjii Coqorsaa Ganda Innaangoo Koobbaraa jedhamutti dargaggoo Zalaalem Malkaamuu jedhamu hidhattoota mootummaan ajjeefamuu maatiin oromia 11tti himan.
Dargaggoo zalaalem Malkaamuu qeerroo lafaa ol deemaa umriin 18 yoo tahu ,dilbata darbe halkan barii’uuf deemu hidhattooni mootummaa ulaa manaa itti cabsuun ega itti seenanniin booda, irriba irra kaasanii reebicha hamaaf dararaa akka malee erga irraan gahaniin booda, saqqiidhaan harka duubatti hidhanii fuudhanii akka bahan jechuun ibsa obboleessi.
“ Waraanni mootummaa dargaggoo ol adeemaa kana reebicha humnaa olii erga irratti raawwatan booda manaa fuudhanii bahaniin, miidhaa irra gahe dandammachuu dadhabee miila kaasee deemuu bakka inni dadhabetti rasaasa lamaan mataa gubbaa dhahanii ajjeesuun bira darban” jechuun waanta obboleessa isaa xiqqaa irratti raawwatame oromia11’tti hime.
Itti dabaluunis Qeerroon umrii ganna 18 loltoota mootummaan ajjeefame kun osoo barmsa kutaa 9 baratuu sababa maatiin isaa harka qalleessa ta’aniif barnoota addaan kutuuf dirqamee, abbaa isaa umriin dadhaboo ta’an gargaaruuf jecha maatii tajaajiluuf manatti deebi’uu nuuf hime.
Waraanni mootummaa sababa malee uummata nagaa rasaasaan duguugaa jiru kun, guyyaadhuma dargaggoo kana ajjeesan dabalataan nama zalaalem waliin irriba irra ture tokkos qabanii, miidhaa akkaan hamaa irraan gahuu isaaniis dabalataan maatii irraa odeeffannee jirra.
Arma duras Aanaa kanatti ajjechaawwan suukanneessoofi sarbama mirgoota namoo akkan hammataa jiraattota irraan gahaa jiraachuu gabaasaa turree jirra.