๐™Š๐™ง๐™ค๐™ข๐™ž๐™–11: ๐™Š๐™™๐™ช๐™ช ๐™‚๐™–๐™™๐™™๐™–๐™– ๐™‹๐™ž๐™ง๐™–๐™ฏ๐™–๐™™๐™–๐™–๐™ฃ๐™ฉ๐™ž๐™ž๐™ฃ ๐™ˆ๐™–๐™ฃ๐™– ๐™ข๐™–๐™ง๐™š๐™š ๐™ฌ๐™–๐™ก๐™ž๐™ž๐™œ๐™–๐™ก๐™– ๐˜ฟ๐™๐™ž๐™ข๐™ข๐™ค๐™ค๐™ฉ๐™– ๐™ž๐™จ๐™ก๐™–๐™–๐™ข๐™ช๐™ข๐™ข๐™–๐™– ๐™„๐™ฉ๐™ค๐™ค๐™ฅ๐™๐™ž๐™ฎ๐™–๐™– ๐™™๐™ช๐™ง๐™–๐™–๐™ฃ๐™ž๐™ž ๐™ˆ๐™ช๐™›๐™ฉ๐™ž๐™ž ๐™ƒ๐™–๐™–๐™Ÿ๐™ž ๐™๐™ข๐™–๐™ง ๐™„๐™™๐™ง๐™ž๐™ž๐™จ ๐˜ฟ๐™ชโœ๐™ช๐™ช๐™ฃ ๐˜ฝ๐™š๐™š๐™ ๐™ ๐™–๐™ข๐™š.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Pirazadaantiin mana maree waliigala dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa duraanii Haaji Muftii Umar Idriis, guyyaa hardhaa Sanbata Guddaa,Onkoloolessa 19,2025tti magalaa Finfinnee keessatti lubbuun isaanii dabruun beekkame. Haaji Muftiin yeroo dheeraadhaaf dhukkubsatanii yaala turuu isaaniittu himame.

Gama fuula Rabbii adeemuu Haaji Muftii Umar Idiriis hordofee Majlisni Itoophiyaa ergaa kan dabarfate yoo ta’u, ergaan isaatis akkana jedha:- “Abbaa namoota hundaa kan turan Hajii Muftii Umar Idiriis dhibee isaan mudateen yaalamaa turuun gama fuula Rabbii adeemuu ibse manni marichaa.Sirni awwaalcha isaanii haala gumaacha biyyaaf taasisan madaaluu fi duudhaa amantichaa eegeen kan raawwatamu ta’a, dabalataanis Maatii fi hordoftoota Amantaa Musliimaa hundaaf jajjabina hawwina.”

Sirna gaggeessaa Haaji Muftiitiin wal qabatee koreen kan hundeeffame yoo ta’u, namoonni 19 armaan gaditti argaman miseensa koree ta’anii filatamanii jiran.

1 Sheek Ahmad Awuluu
2 Sheek Mohaammad Umar Saabyuu
3 Sheek Mohaammad Jamaal Agonafer
4 Sheek Abdul Hamid Ahmad
5 Ustaad Abuu Bakr Abdallaah
6 Sheek Mohaammad Shariif
7 Obbo Mohaammad Kaasaa
8 Haaji Umar Alii Shifaa
9 Obbo Haayidar Daawud
10 Obbo Kaalid Naasir Ahmad
11 Hajii Mohaammad Awul Nagaa
12 Injiinar Anwaar Mustafaa
13 Ustaaz Abdul Aziiz Ibraahim
14 Hajii Nuruu Ahmad (Agmas) .
15 Haaji Said Yaasiin
16 Haaji Naasir Mustafaa
17 Dr. Idriis Mohaammad
18 Ato Eliyaas Nasreddin
19 Hajii Masoud Aadam Haguugduu


Sirni Geggeessa Muftii Haji Umar Idriis Bor sa’aatii 6 irratti Salaatni Janaazaa Masjiida isaan yeroo dheeraaf itti barsiisaa turan masjiida Nuuritti geggeefama. Guyyaa keessa sa’aatii 8’n ammoo galma barkumeetti bakka hoggantoonni Mootummaa, Abbootiin Amantaafi Maatiin argamanitti geggessan ni taasifama Sa’aatii 10 booda ammoo sirni awwalchaa kolfee bakka awwaalcha musliimaatti ni raawwata jechuun koreen awwaalchaa ibsa kenne.

Lubbuudhaan dabruu Haaji Muftii Umariin Wal qabatee namoonni gara garaa gadda isaanitti dhagahame karaalee adda addaatiin ibsataa jiran. namoota gadda isaanitti dhagahame ibsatan keessatti Muummichi Ministeera Itoophiyaa Doktor Abiyyi Ahmed, Pirazadaantiin Itoophiyaa Obbo Taayyee Atsqa Sillaasee, Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, itti aanaa pirezidaantii paartii badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah, Ustaaz Ahmeddiin Jabal,Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa, Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kaamil fi namoonni gurguddaan hedduu ni argamu.

Akkasumas miidiyaaleen gara garaa oduu gaddaa kana wal harkaa fuudhuudhaan gadda isaanitti dhagahame ibstaa jiran.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu