Hayyu duree duraanii ABO fi qabsaa`aa gameessa Oromoo dhiheenya kana du`aan boqatan Obbo Galaasaa Dilboo yaadachuudhaaf, hawaasni Oromoo kutaa magaalaa Minisootaatti argaman sochii ariifachiisaa jalqabanii jiru. Akka namoonni sagantaa kana fedhiidhaan walitti qindeessaa jiran dubbatanitti, sagantaan yaadannoo kun yeroo gabaabaa keessatti kan yaadame ta`uu fi ummanni Oromoo hundi sagantaa kana irratti argamuudhaan saganticha miidhagsan barbaanna jedhan.
Sagantaan gaggeessaa fi yaadannoo kunis kan gaggeeffamu guyyaa boruu Ebla, 3, 2022tti Waldaa Hawaasa Oromoo Minisootaatti. sagantichi kan jalqabu sa`aatii 2PM irratti yoo ta`u, sagantaa kana irratti dhalataan Oromoo hundi affeeramtanii jirtu.jedhan qopheessitoonni sagantichaa.
SIRNI AWWAALCHA OBBO GALAASAA GUYYAA HARDHAA RAAWWATAMEE JIRA.
Obbo Galaasaa Dilboo Bitootessa 30,2022tti du`aan dachii irraa boqotanis, sirni gaggeessaa reeffa isaanii iddoo Maatiin,Firri,Waahillan Qabsoo, Abbootiin Amantaa gara garaatii fi namoonni bebbeekkamoon hedduu argamanitti gaggeeffamee jira.
Hawaasni Oromoo Minisootaa Immoo hoogganaa fi qabsaa`aa gameessa Of biraa dhabe kanaaf sagantaa yaadannoo qopheessuudhaaf guyyaa boruutti karoorfatee jira. hawaasni Oromoo Kutaa Minisootaatti argamtanii fi Kanniin dhiheenyatti argamtan hundi sagantaa kana irratti akka argamtaniif koreen sagantaa kana qindeessaa jiru isin affeeree jira
IDDOON: Waldaa Hawaasa Oromoo Minisootaa.
SA`AATIIN: 2PM Irraa Jalqaba.