TikTok Ijoollee Isatti Fayyadaman Miidhuu Isaatiin Isteeta Ameerikaa 13 fi Waashingtan Diisiin Himatame.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Akka gabaasni Reuters irraa guyyaa hardhaa Onkoloolessa 8,2024tti Waashingitan Diisii irraa bahe agarsiisutti, Isteetonni Ameerikaa 13 fi bulchiinsi Waashingtan Diisii wajjiin ta’uudhaan, dhaabbata TikTok irratti himannaa bananii jiran. himannaan dhaabbaticha irratti dhihaate “Dhaabbatichi dargaggoota itti fayyadamaa jiran ittisuu dadhabuu fi miidhaa irraan gahaa jira kan jedhuudha.” himannaan kutaaleen bulchiinsota Ameerikaa kanniin akka Niiwu Yoork,Kaalifoorniyaa, Distriktii Kolombiyaa fi kutaalee biyyattii 11 kanniin biroo banan kanaan lolli seeraa dhaabbata TikTok fi qaamolee seeraa U.S.A jidduu jiru kan daran babaldhatu ta’uutu himame.himannaan dhaabbaticha irratti baname akka dhaabbatichi yakka isaa kanaaf maallaqaan adabamu kan gaafatame.

TikTok, Justice Department face off in court over potential US ban

Kutaaleen bulchiinsota gara garaa kunniin himannaan isaan dhaabbaticha ittiin himatan kanniin armaan gadiiti.

  • TikTok sooftiweerii ijoollee araada qabsiisuu fi ijoolleen akka irraa hin kaane godhu itti yaadee hojjachuu fi bu’a qabeessummaa qabiyyee isaa dogongorsee namaaf dhiheessuu isaatiin.
  • TikTok bu’aa dhaabbilee guddisuuf jecha araada miidiyaa hawaasummaa guddisuu isaatiin.
  • Tiktok daa’imman sammuun isaanii waan nama miidhuuf daangaa kaa’achuu hin dandeenye irratti itti yaadee xiyyeffachuun miidhuu isaatiin.
  • TikTok Sa’aatii itti fayyadamtoonni aappii kana irra fayyadamaa turaniin dheeressuuf jecha,beeksisoota gara garaa fayyadamuudhaan sa’aati dheeressuuf yaadaa jiraachuu isaatiin.
  • Sababa dargaggoonni miidiyaa hawaasummaa araada hamaa nama qabsiisan kanniin akka TikTok fayyadamiif jecha dhibee sammuutiin rakkachaa jiraniif.
  • TikTok daddabarsa maallaqaa hayyama hin qabne karaa tamsaasa kallattiitiin gaggeessuu isaatiin.
  • TikTok daa’imman umriin isaanii hin bilchaatin daldala saal qunnamtii online tiif saaxilaa jiraachuu isaatiin.
How Social Media Uses Addictive Algorithms to Keep Kids Online – Gryphon

Dhaabbanni TikTok gama isaatiin himannaa irratti dhihaate kanaaf “Himannaa dhihaate kana cimsinee walii hin gallu,himannaan dhihaate hedduun isaa akka nu amannutti sirrii kan hin taanee fi dogongora. Isteetonni adda addaa qormaata industirii guutuuf furmaata ijaarsaa nu wajjiin barbaaduuf hojjachuu irra nu himachuu filachuu isaaniitti mufanneerra.dabalataanis TikTok ijoollee umriin isaanii waggaa 16 gadi ta’eef, sa’aatii itti fayyadamaa too’achuu fi nageenya isaanii eeguu irratti ni hojjata jedhan.

Kutaawwan bulchiinsa akka Ilinooyis,Kentaakii,Liwiiziyaanaa,Masachuusets,Misisippii,Niwu Jersii,Kaarolaayinaa Kaabaa,Origan,Kaarolaayinaa Kibbaa,Vermantii fi Waashingitan.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu