Maqaan guutuun dubartii seenaa isii hardha qabannee dhihaannee Aadde Makkiyyaa Biiftuu Roobaati.dubartii fakkeenya jaalalaa,fakkeenya jabinaa,fakkeenya obsaa,fakkeenya barnootaa tahuun nama hundatti agarsiisuu dandeette. Aadde Makkiyyaan dachii Oromiyaa Godina Arsii Lixaa Magaalaa Dodolaatti dhalattee kan guddatte yoo taatu,akkuma umriin isii barnootaaf gaheen maatiin isii barnoota kan jalqabsiisan tahuu himama. hanga kutaa 9ffaatti magaalaa Dodolaatti erga barattee booda,barnoota kutaa 12ffaa isii Abbeeraa isii obbo Iisaa Bashiir bira teettee hordofuudhaaf gara magaalaa Finfinneetti imalti. barri sun tilmaamaan 1997 G.C ture.
Bara 1997 G.C gara xumuraatti osoma barnoota isii kutaa 12ffaa hordofaa jirtu, carraan DV waan isii gaheef gara Ardii Ameerikaa Kutaa bulchiinsa Siyaatilitti imalti.erga kutaa bulchiinsa Siyaatil dhuftee turtii waggoota lamaa fi walak kaa olii booda, sababa heerumaatiin gara handhuura Oromoota hedduu Minisootaatti godaante. bara 2013 G.C tti barnoota kutaa 12ffaa isii xumuruudhaan dippiloomaa isii mana barnootaa sadarkaa lammaffaa Rooziviili irraa fudhachuu dandeettee jirti.
Aadde Makkiyyaan erga abbaa manaa isaanii Obbo Jaatoo Cabsiitti heerumanii booda imala jaalalaa baroota dheeraa dhaaf hawwamaa ture takka jedhanii wajjiin dhandhamuu jalqabani.Obbo Jaatoo fi Aadde Makkiyyaan gaafa ijoollum maa isaaniitti barattoota ta’anii wal beekan ture. Obbo Jaa toon jaalala ijoollummaa irraa kaasee dheebotaa turan karaa fuudhaatiin ittiin milkaahuu jalqabanii jiran.
Jaalalli Obbo Jaatoo Fi Aadde Makkiyyaa Yoom Jalqabe?
Waa’een jaalalaa yoo ka`u onnee nama hedduuttu dhahannaan isaa dabala.seenaan jaalalaa Obbo Jaatoo fi Aadde Makkiyyaa gaafa dardagaggummaatti jalqabe.Magaalaa Dodolaa keessatti manni jaalalaa isaanii ijaarsi isaa jalqabe.Obbo Jaatoon dargaggeessa lafaa dhufaa yeroo turetti hojii barsiisummaatti bobbahee hojjataa ture.akka carraa taeeti Manni dargaggoo Jaatoon kireeffatee keessa galaa ture,mana Abbaa fi haati Makkiyyaa isatti kireessan ture.yeroo kana ture qaanqeen ibiddaa obbo Jaatoo irra bu’uu kan jalqabe. Makkiyyaan yeroo kanatti barattuu cimtuu sadarkaa qabataa deemtu tahutu himama.Jaatoonis “buddeena nama quubsu eelee irratti beekan.” waan jedhe fakkaata.nama egeree isaatiif wajjiin tarkaanfachuu danda`u laallachuu jalqabe.
Oduun kun Jaatoodhaaf abdii kutannaa osoo hin taane,abdii biraa isa keessatti hore. Jireenya biyya abbaa isaa dhiisee gara biyya ollaa Keeniyaatti baqatee xiqqoo erga turee booda,hiree gara USA dhufuu argate.akkum a USA dhufeen jaalala ijoollummaa isaa barbaaduu jalqabe.Yeroo sadaffaadhaaf Makkiyyaa fuudhuudhaaf jaarsa ergate. xumura irratti milkaa`ee Makkiyyaa bara dheeraa jaalataa ture argate. barri kun 2000 G.C ture.
Adaduma bubbuluun jaalalli itti cimaa waan deemeef Obbo Jaatoon Makkiyyaa fuudhuudhaaf jaarsa ergate.akka hiree tahee Makkiyyaan barnoota irra waan turteef maatiin isii gaafii kana hayyamuu didanii kuffisan.guyyaan dheeratee barri deemuu jalqabus Jaatoon jaalala isaa irraa abdii hin muranne.yeroo lammaffaatiif irra deebi’ee gaafate. Ammas milkaa’uu dadhabe.xumura irratti Makkiyyaan barnootaaf gara Magaalaa Finfinneetti godaantee lixxe.Jaalalli Jaatoon Makkiyyaaf qabu daran itti hammaataa dhufe.xumura Bara 1997 G.C tti Makkiyyaan hiree DV argattee gara USA dhufte.
Aadde Makkiyyaan Maatiidhaaf Aarsaan Kaffalte Maal Inni?
Guddisa Ilmaanii fi Barnoota Abbaa Manaa Aadde Makkiyyaa Obbo Jaatoo Cabsii
Akkuma hojiin guddaan maatii kanaa barnoota ta’etti,Aadde Makkiyyaan obboleeyyan isii,Abbaa Manaa fi ilmaan isiitis hunda isaanii hojii humnaa hojjachuudhaan gargaaruu itti fufte.dadhabbii baroota dheeraa booda abbaan manaa isii Obbo Jaatoon bara 2014 G.C tti asoosheeti digrii isaa Kolleejjii Seencharii Minisootaa irraa gosa barnootaa Associate of Arts jedhamuun fudhatee bahe.itti aansuudhaan immoo Metropolitan State University irraa bara 2016 G.C tti gosa barnootaa Akkaawuntiingii fi Bizines Administir eeshiniidhaan digrii jalqabaa fudhatee gargaarsa maatii isaatti makame.Aadde Makkiyyaan amma hafuura baafachuu jalqabdee jirti. amma lamaan isaaniituu guddisa ilmaan isaanii irratti wal gargaaraa wajjiin ima laa jiran.seenaan kaleessa nama lamaan jalqaban asitti hin dhaabbanne.hardhas itti fufuudhaan firii ilmaan isaanii arguu bira gahee jira.
Maatii Keessaa Namni Jalqaba Yunivarsiitii Irraa Eebbifame Shamarree Roomaa dha
Roomaan Inatala hangafaa Obbo Jaatoo Cabsii yoo taatu,bara 2022 G.C tti Yuunivarsiitii Konkoordiyaa irraa Digrii jalqabaa isii damee barnootaa Baayolo ojiidhaan fudhattee hardh aan tana saayintistii Laabiraatoorii taatee hojjataa jirti. Roomaan fakkeenya guddaa Maatii fi obboleeyyan isii quxisuudhaaf ta`uu isiittu himama.
Bara 2024tti Miseensota Maatii 4tu Eebbifame
Barri kun miseensota Maatii Obbo Jaatoo fi Aadde Makkiyyaatiif bara addaati.maatii isaanii keessaa Obbo Jaatoo dabalatee namoota 4ttu eebbifame.
Obbo Jaatoo Cabsii barnoota isaa itti fufuudhaan damee barnootaa Bizines Adimistireeshiniitiin Yuunivarsiitii Kaappeellaa irraa Maastersiidhaan eebbifamuu danda`ee jira.
Obbo Jaatoo Cabsii (class of 2024 G.C)
Shamarree Boontuun Yuunivarsiitii Minisootaa Damee Roochister irraa Gosa barnootaa Saayinsii Fayyaatiin digrii jalqabaatiin bara kana kan eebbifamtee fi maastersii isii immoo gosa barnoota saayinsii baayoomeediikaalaatiin Yuunivarsiitii Minisootaa damee Duluuzitti kan itti fufuu barbaaddu tahuu abbaan dubbata.
Shamarree Aa`ishaan akkuma obboleettii isii Boontuutti Yunivarsiitii Minisootaa damee Roochister irraa gosa barnootaa Saayinsii Fayyaatiin digrii jalqabaatiin bara kana eebbifamtee jirti. itti aansuudhaan immoo bara dhufutti muuxannoo naannawa killinika fayyaatiin wal qabatu argachuuf kan hojjattu ta’uu abbaan dubbata.
Dargaggoo ramadan immoo bara kana barnoota sadarkaa lammaffaa isaa qabxii olaanaadhan xumuree gara Yuunivarsiitii Minisootaatti gosa barnootaa Biomedical Engineering qo`achuudhaaf imalaa jiraachuu abbaan nutti hime.
1 thought on “Dubartii Jabduu Abbaa Manaa fi Ilmaan Isii Hunda Barsiisuudhaan Sadarkaa Guddaadhaan Geette Aadde Makkiyyaa Biiftuu Roobaatiin Wal Baraa”
Allaahumma Baarik fiihum
Comments are closed.